surah001
بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَـٰنِ الرَّحِيمِ
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Taheetiin.[1]
الْحَمْدُ لِلَّهِ رَبِّ الْعَالَمِينَ
Faaruun hundi tan Rabbii Gooftaa aalamaati.
الرَّحْمَـٰنِ الرَّحِيمِ
Akkaan mararfataa akkaan rahmata godhaa.
مَالِكِ يَوْمِ الدِّينِ
Abbaa (mootii) guyyaa murtii.
إِيَّاكَ نَعْبُدُ وَإِيَّاكَ نَسْتَعِينُ
Si qofa gabbarra; Si qofatti gargaarsifannas.
اهْدِنَا الصِّرَاطَ الْمُسْتَقِيمَ
Daandii sirraawaatti nu qajeelchi.
صِرَاطَ الَّذِينَ أَنْعَمْتَ عَلَيْهِمْ غَيْرِ الْمَغْضُوبِ عَلَيْهِمْ وَلَا الضَّالِّينَ
Karaa warra isaan irratti tola ooltee; kan warra irratti dallanamee kanhintahin, kan jallattootaa (kan hintahin) (nu qajeelchi) [1] [2]