Quran.et Logo
orom

surah035

Faaxir Suuraa Uumaa
Qari'ii (Dubbisaa)
Mala dubbisaa
1
بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَـٰنِ الرَّحِيمِ

الْحَمْدُ لِلَّهِ فَاطِرِ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ جَاعِلِ الْمَلَائِكَةِ رُسُلًا أُولِي أَجْنِحَةٍ مَّثْنَىٰ وَثُلَاثَ وَرُبَاعَ ۚ يَزِيدُ فِي الْخَلْقِ مَا يَشَاءُ ۚ إِنَّ اللَّهَ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ

Faaruun hundi kan Rabbii uumaa samiileefi dachii ta’eeti, kan maleykota ergamtoota abbootii kooluuwwan lama lamaa, sadi sadiifi afur afurii taasise. Uumama keessattis waan fedhe ni dabala. Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha

2

مَّا يَفْتَحِ اللَّهُ لِلنَّاسِ مِن رَّحْمَةٍ فَلَا مُمْسِكَ لَهَا ۖ وَمَا يُمْسِكْ فَلَا مُرْسِلَ لَهُ مِن بَعْدِهِ ۚ وَهُوَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ

Rahmata irraa wanta Rabbiin namaaf bane wanti ishee dhorgu tokkoyyuu hin jiru. Wanta Inni dhorge Isa boodaan wanti ishee gadi dhiisu (ergu) hin jiru. Inni injifataa, ogeessa.

3

يَا أَيُّهَا النَّاسُ اذْكُرُوا نِعْمَتَ اللَّهِ عَلَيْكُمْ ۚ هَلْ مِنْ خَالِقٍ غَيْرُ اللَّهِ يَرْزُقُكُم مِّنَ السَّمَاءِ وَالْأَرْضِ ۚ لَا إِلَـٰهَ إِلَّا هُوَ ۖ فَأَنَّىٰ تُؤْفَكُونَ

Yaa namootaa! Ni’imaa Allaah tan isinirratti taate yaadadhaa. Sila Rabbiin ala uumaan biraa kan samiifi dachii irraa soorata isiniif kennu ni jiraa? Isa malee gabbaramaan haqaa hin jiru. Akkamitti isa (irraa) garagaltu?

4

وَإِن يُكَذِّبُوكَ فَقَدْ كُذِّبَتْ رُسُلٌ مِّن قَبْلِكَ ۚ وَإِلَى اللَّهِ تُرْجَعُ الْأُمُورُ

(Yaa Muhammad!) Yoo si sobsiisan, ergamtoonni si duraas (akkuma kee) sobsiifamanii jiru. Dhimmoonni hundi gara Rabbiitti deebifamu.

5

يَا أَيُّهَا النَّاسُ إِنَّ وَعْدَ اللَّهِ حَقٌّ ۖ فَلَا تَغُرَّنَّكُمُ الْحَيَاةُ الدُّنْيَا ۖ وَلَا يَغُرَّنَّكُم بِاللَّهِ الْغَرُورُ

Yaa namootaa! Dhugumatti, waadaan Allaah dhugaadha. Kanaafu jireenyi addunyaa akka isin hin gowwoomsine. Gowwoomsaan (Sheyxaanni) (obsa) Rabbiitiin akka isin hin gowwoomsine.

6

إِنَّ الشَّيْطَانَ لَكُمْ عَدُوٌّ فَاتَّخِذُوهُ عَدُوًّا ۚ إِنَّمَا يَدْعُو حِزْبَهُ لِيَكُونُوا مِنْ أَصْحَابِ السَّعِيرِ

Sheyxaanni isiniif diinaa, isinis diina isa godhaa. Gareewwan isaas akka warra ibidda boba’aa (seenu) ta’aniif isaan waama.

7

الَّذِينَ كَفَرُوا لَهُمْ عَذَابٌ شَدِيدٌ ۖ وَالَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ لَهُم مَّغْفِرَةٌ وَأَجْرٌ كَبِيرٌ

Isaan kafaran adabbii cimaatu isaaniif jira. Isaan amananii, gaggaarii hojjatan immoo araaramaafi mindaa guddaatu isaaniif jira.

8

أَفَمَن زُيِّنَ لَهُ سُوءُ عَمَلِهِ فَرَآهُ حَسَنًا ۖ فَإِنَّ اللَّهَ يُضِلُّ مَن يَشَاءُ وَيَهْدِي مَن يَشَاءُ ۖ فَلَا تَذْهَبْ نَفْسُكَ عَلَيْهِمْ حَسَرَاتٍ ۚ إِنَّ اللَّهَ عَلِيمٌ بِمَا يَصْنَعُونَ

Sila namni fokkataan hojii isaa isaaf bareechifame, kan bareedaa taasisee isa ilaalu (isa karaa qajeelaa irra jiruu wajjin wal qixa ta’aa)? Allaahn nama fedhe ni jallisa; nama fedhe immoo ni qajeelcha. Isaan irratti lubbuun kee sheenaadhaan akka hin baane. Allaahn waan isaan hojjatan beekaadha.

9

وَاللَّهُ الَّذِي أَرْسَلَ الرِّيَاحَ فَتُثِيرُ سَحَابًا فَسُقْنَاهُ إِلَىٰ بَلَدٍ مَّيِّتٍ فَأَحْيَيْنَا بِهِ الْأَرْضَ بَعْدَ مَوْتِهَا ۚ كَذَٰلِكَ النُّشُورُ

Allaahnis Isa qilleensa ergee, isheenis duumessa ol kaafti. gara lafa duutieetti isa oofnee dachii erga isheen duutee booda isaan jiraachifne. Kaafamni Qiyaamaas akkuma kana.

10

مَن كَانَ يُرِيدُ الْعِزَّةَ فَلِلَّهِ الْعِزَّةُ جَمِيعًا ۚ إِلَيْهِ يَصْعَدُ الْكَلِمُ الطَّيِّبُ وَالْعَمَلُ الصَّالِحُ يَرْفَعُهُ ۚ وَالَّذِينَ يَمْكُرُونَ السَّيِّئَاتِ لَهُمْ عَذَابٌ شَدِيدٌ ۖ وَمَكْرُ أُولَـٰئِكَ هُوَ يَبُورُ

Namni jabeenya fedhe (Rabbiin bira haa barbaadu) Jabeenyi hunduu kan Rabbiiti. Haasofni gaariin gara isaa ol baha. Dalagaa gaariitu isa ol fuudha. Isaan hojii gadheef tooftaa baasan adabbii cimaatu isaaniif jiraTooftaan isaanii inuma bada.

11

وَاللَّهُ خَلَقَكُم مِّن تُرَابٍ ثُمَّ مِن نُّطْفَةٍ ثُمَّ جَعَلَكُمْ أَزْوَاجًا ۚ وَمَا تَحْمِلُ مِنْ أُنثَىٰ وَلَا تَضَعُ إِلَّا بِعِلْمِهِ ۚ وَمَا يُعَمَّرُ مِن مُّعَمَّرٍ وَلَا يُنقَصُ مِنْ عُمُرِهِ إِلَّا فِي كِتَابٍ ۚ إِنَّ ذَٰلِكَ عَلَى اللَّهِ يَسِيرٌ

Rabbiin biyyee irraa isin uume, ergasii bishaan irraa, ergasii cimdii isin taasise. dubartiin kamillee hin ulfooftu; hin deessus Beekumsa Isaatiin ala. Namni umrii dheereffame tokkollee, umriin isaa hin dheereffamu. Umrii isaa irraa hin hir’ifamus kitaaba keessa jiraatu malee; sun Allaah irratti laafaadha.

12

وَمَا يَسْتَوِي الْبَحْرَانِ هَـٰذَا عَذْبٌ فُرَاتٌ سَائِغٌ شَرَابُهُ وَهَـٰذَا مِلْحٌ أُجَاجٌ ۖ وَمِن كُلٍّ تَأْكُلُونَ لَحْمًا طَرِيًّا وَتَسْتَخْرِجُونَ حِلْيَةً تَلْبَسُونَهَا ۖ وَتَرَى الْفُلْكَ فِيهِ مَوَاخِرَ لِتَبْتَغُوا مِن فَضْلِهِ وَلَعَلَّكُمْ تَشْكُرُونَ

Galaanni lamaan wal qixa hin ta’anu; inni tokko mi’aawaa, dheebu kutaa, dhugaatiin isaas mijaa’aadha; inni kun immoo ashaboo akkaan kuraawaadha. Hunduma irraayyuu foon haarawa ni nyaattu; faaya ishee uffattanus ni baafattu. dooniiwwan isa (galaana) keessa baqaqsituu taatee (kan deemtu) agarta, Akka tola isaa irraa barbaaddattanuufi akka isa galatoomfattanuuf

13

يُولِجُ اللَّيْلَ فِي النَّهَارِ وَيُولِجُ النَّهَارَ فِي اللَّيْلِ وَسَخَّرَ الشَّمْسَ وَالْقَمَرَ كُلٌّ يَجْرِي لِأَجَلٍ مُّسَمًّى ۚ ذَٰلِكُمُ اللَّهُ رَبُّكُمْ لَهُ الْمُلْكُ ۚ وَالَّذِينَ تَدْعُونَ مِن دُونِهِ مَا يَمْلِكُونَ مِن قِطْمِيرٍ

Inni halkan guyyaa keessa seensisa; guyyaas halkan keessa seensisa. Aduufi ji’as ni laaffise; hunduu hanga beellama beekamaa ta’eetti (orbitii isaanii irra) yaa’u. Inni (kana hojjate) kun Rabbii keessan Allaahdha. mootummaan isaaf tahe, Isaan isin Rabbii gaditti kadhattan wanta hanga qola haphii ija timiraallee hin qabanu.

14

إِن تَدْعُوهُمْ لَا يَسْمَعُوا دُعَاءَكُمْ وَلَوْ سَمِعُوا مَا اسْتَجَابُوا لَكُمْ ۖ وَيَوْمَ الْقِيَامَةِ يَكْفُرُونَ بِشِرْكِكُمْ ۚ وَلَا يُنَبِّئُكَ مِثْلُ خَبِيرٍ

Yoo isaan kadhattanis, kadhaa keessan hin dhagahan; odoo dhagahaniis isiniif hin owwaatan. Guyyaa Qiyaamaas shirkii keessan ni mormu. (Yaa Muhammad!) Akka Rabbii keessa beekaatti homtuu siif hin odeessu.

15

يَا أَيُّهَا النَّاسُ أَنتُمُ الْفُقَرَاءُ إِلَى اللَّهِ ۖ وَاللَّهُ هُوَ الْغَنِيُّ الْحَمِيدُ

Yaa namootaa! Isin gara Allaahtti haajamoodha; Allaahn Isumatu dureessa, faarfamaadha.

16

إِن يَشَأْ يُذْهِبْكُمْ وَيَأْتِ بِخَلْقٍ جَدِيدٍ

Yoo fedhe isin (dachii irraa) deemsiseeti uumama haaraa fida.

17

وَمَا ذَٰلِكَ عَلَى اللَّهِ بِعَزِيزٍ

Suni Allaah irratti ulfaataa miti.

18

وَلَا تَزِرُ وَازِرَةٌ وِزْرَ أُخْرَىٰ ۚ وَإِن تَدْعُ مُثْقَلَةٌ إِلَىٰ حِمْلِهَا لَا يُحْمَلْ مِنْهُ شَيْءٌ وَلَوْ كَانَ ذَا قُرْبَىٰ ۗ إِنَّمَا تُنذِرُ الَّذِينَ يَخْشَوْنَ رَبَّهُم بِالْغَيْبِ وَأَقَامُوا الصَّلَاةَ ۚ وَمَن تَزَكَّىٰ فَإِنَّمَا يَتَزَكَّىٰ لِنَفْسِهِ ۚ وَإِلَى اللَّهِ الْمَصِيرُ

(Lubbuun) badii hojjattu (tokkos) badii lubbuu biraa hin baadhattu. (Lubbuun) ba’aan (badiin) itti ulfaate tokkos akka ba’aa ishee namni biraa irraa baadhatu yoo gaafattes, odoma fira ishee ta’eellee ishee irraa homaayyuu hin baadhatamu. Kan ati akeekkachiiftu isaan Rabbii isaanii fagootti sodaatanii, Salaatas gadi dhaabaniidha. Namni (badii irraa) of qulqulleesse, kan inni of qulqulleessu matuma isaatiifi. Deebi’iinsi garuma Rabbiiti.

19

وَمَا يَسْتَوِي الْأَعْمَىٰ وَالْبَصِيرُ

Jaamaafi namni Ija qabu wal hin qixxaatu.

20

وَلَا الظُّلُمَاتُ وَلَا النُّورُ

Dukkanootaafi iftis (akkasuma).

21

وَلَا الظِّلُّ وَلَا الْحَرُورُ

Gaaddisniifi ho’inis.

22

وَمَا يَسْتَوِي الْأَحْيَاءُ وَلَا الْأَمْوَاتُ ۚ إِنَّ اللَّهَ يُسْمِعُ مَن يَشَاءُ ۖ وَمَا أَنتَ بِمُسْمِعٍ مَّن فِي الْقُبُورِ

kanneen lubbuun jiraniifi isaan du’an wal qixaa miti. Allaahn nama fedhe ni dhageessisa. Ati nama awwaala keessa jiru dhageessisaa miti.

23

إِنْ أَنتَ إِلَّا نَذِيرٌ

Ati akeekkachiisaa malee waan biraa hin taane.

24

إِنَّا أَرْسَلْنَاكَ بِالْحَقِّ بَشِيرًا وَنَذِيرًا ۚ وَإِن مِّنْ أُمَّةٍ إِلَّا خَلَا فِيهَا نَذِيرٌ

Nuti gammachiisaafi akeekkachiisaa taatee si erginee jirra. Ummanni tokkollee kan akeekkachiisaan isaan keessatti dabru malee hintaane.

25

وَإِن يُكَذِّبُوكَ فَقَدْ كَذَّبَ الَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ جَاءَتْهُمْ رُسُلُهُم بِالْبَيِّنَاتِ وَبِالزُّبُرِ وَبِالْكِتَابِ الْمُنِيرِ

Yoo si sobsiisan, warri isaaniin duraas dhugumatti (ergamoota) sobsiisanii jiru. Ergamtoonni isaanii ragaalee ifa ta’aniin, kitaabota wanta hunda of keessatti hammataniifi kitaaba ibsaa ta’een, isaanitti dhufanii turan.

26

ثُمَّ أَخَذْتُ الَّذِينَ كَفَرُوا ۖ فَكَيْفَ كَانَ نَكِيرِ

Ergasiis isaan kafaran qabeen jira. adabbiin kiyya akkam ta’e!

27

أَلَمْ تَرَ أَنَّ اللَّهَ أَنزَلَ مِنَ السَّمَاءِ مَاءً فَأَخْرَجْنَا بِهِ ثَمَرَاتٍ مُّخْتَلِفًا أَلْوَانُهَا ۚ وَمِنَ الْجِبَالِ جُدَدٌ بِيضٌ وَحُمْرٌ مُّخْتَلِفٌ أَلْوَانُهَا وَغَرَابِيبُ سُودٌ

sila hin laallee Rabbiin bishaan samii irraa buusee, fuduraalee bifti isaa adda adda ta’e ittiin magarsine. Gaarreen irraas karaalee adaadiifi diddiimaa, bifti ishee gara gara ta’eefi akkaan gurraacha ta’anis (akka uumne hin arginee?)

28

وَمِنَ النَّاسِ وَالدَّوَابِّ وَالْأَنْعَامِ مُخْتَلِفٌ أَلْوَانُهُ كَذَٰلِكَ ۗ إِنَّمَا يَخْشَى اللَّهَ مِنْ عِبَادِهِ الْعُلَمَاءُ ۗ إِنَّ اللَّهَ عَزِيزٌ غَفُورٌ

Namoota, lubbu qabeeyyiifi beyladoota irraahis akkasuma warra bifti isaanii waldhabaa tahe uume. Gabroota Isaa irraas kan Allaah sodaatan beektota qofa. Rabbiin injifataa, araaramaadha.

29

إِنَّ الَّذِينَ يَتْلُونَ كِتَابَ اللَّهِ وَأَقَامُوا الصَّلَاةَ وَأَنفَقُوا مِمَّا رَزَقْنَاهُمْ سِرًّا وَعَلَانِيَةً يَرْجُونَ تِجَارَةً لَّن تَبُورَ

Dhugumatti, isaan kitaaba (Qur’aana) Rabbii dubbisanii, salaatas sirnaan dhaabaniifi kan waan Nuti isaaniif kennine irraa dhoksaafi ifattis kennan, daldala kasaaraa hin qabne kajeelu.

30

لِيُوَفِّيَهُمْ أُجُورَهُمْ وَيَزِيدَهُم مِّن فَضْلِهِ ۚ إِنَّهُ غَفُورٌ شَكُورٌ

Akka Inni (Rabbiin) galatoota isaanii guutee isaaniif kennuufi tola isaa irraas isaanii dabaluuf (kajeelu). Inni araaramaa, galateeffataadha.

31

وَالَّذِي أَوْحَيْنَا إِلَيْكَ مِنَ الْكِتَابِ هُوَ الْحَقُّ مُصَدِّقًا لِّمَا بَيْنَ يَدَيْهِ ۗ إِنَّ اللَّهَ بِعِبَادِهِ لَخَبِيرٌ بَصِيرٌ

Kitaaba (Qur’aana) irraa waani Nuti gara keetti buufne isatu dhugaadha, (kitaabban) isa duraa kan dhugoomsuudha. Rabbiin gabroota isaa akkaan beekaa argaadha.

32

ثُمَّ أَوْرَثْنَا الْكِتَابَ الَّذِينَ اصْطَفَيْنَا مِنْ عِبَادِنَا ۖ فَمِنْهُمْ ظَالِمٌ لِّنَفْسِهِ وَمِنْهُم مُّقْتَصِدٌ وَمِنْهُمْ سَابِقٌ بِالْخَيْرَاتِ بِإِذْنِ اللَّهِ ۚ ذَٰلِكَ هُوَ الْفَضْلُ الْكَبِيرُ

Ergasii kitaabicha (Qur’aana kana) isaan gabroota keenya keessaa filanne dhaalchifnee jirra. Isaan irraa nama lubbuu ofii miidhutu jira; isaan irraas nama karaa giddu galeessaa filatutu jira. Isaan irraas warra hayyama Rabbiitiin hojiiwwan gaggaarii irratti dursantu jira. Sun isumatu tola guddaadha.

33

جَنَّاتُ عَدْنٍ يَدْخُلُونَهَا يُحَلَّوْنَ فِيهَا مِنْ أَسَاوِرَ مِن ذَهَبٍ وَلُؤْلُؤًا ۖ وَلِبَاسُهُمْ فِيهَا حَرِيرٌ

Jannata qubannaa kan ishee seenan, ishee keessattis gumeewwan warqee irraa ta’aniifi faaya uffifamantu (isaaniif jira). Uffanni isaaniis ishee keessatti hariira

34

وَقَالُوا الْحَمْدُ لِلَّهِ الَّذِي أَذْهَبَ عَنَّا الْحَزَنَ ۖ إِنَّ رَبَّنَا لَغَفُورٌ شَكُورٌ

Ni jedhu: “faaruun kan Rabbii gadda nurraa deemsiseeti. Gooftaan keenya araaramaa, galateeffataadha.

35

الَّذِي أَحَلَّنَا دَارَ الْمُقَامَةِ مِن فَضْلِهِ لَا يَمَسُّنَا فِيهَا نَصَبٌ وَلَا يَمَسُّنَا فِيهَا لُغُوبٌ

(Inni) Isa tola Isa irraa ta’een mana jireenyaa nu qubachiiseedha. kan ishee keessatti rakkoon nu hin tuqneefi kan ishee keessattis dadhabbiin nu hin tuqne keessa.

36

وَالَّذِينَ كَفَرُوا لَهُمْ نَارُ جَهَنَّمَ لَا يُقْضَىٰ عَلَيْهِمْ فَيَمُوتُوا وَلَا يُخَفَّفُ عَنْهُم مِّنْ عَذَابِهَا ۚ كَذَٰلِكَ نَجْزِي كُلَّ كَفُورٍ

Isaan kafaran ibidda jahannamtu isaaniif jira. Isaanitti murteeffamtees hin du’anu. adabbii ishee irraas homtuu isaan irraa hin salphifamu. akka kanatti haalaan kafaraa hundaa galata galchina.

37

وَهُمْ يَصْطَرِخُونَ فِيهَا رَبَّنَا أَخْرِجْنَا نَعْمَلْ صَالِحًا غَيْرَ الَّذِي كُنَّا نَعْمَلُ ۚ أَوَلَمْ نُعَمِّرْكُم مَّا يَتَذَكَّرُ فِيهِ مَن تَذَكَّرَ وَجَاءَكُمُ النَّذِيرُ ۖ فَذُوقُوا فَمَا لِلظَّالِمِينَ مِن نَّصِيرٍ

Isaan ishee keessaa waywaatu “(Yaa) Gooftaa keenya! Isa duraan hojjachaa turreen ala toltuu hojjennaa nu baasi” jechuun. “Sila (umrii dheeraa) namni gorfamuu fedhe isa keessatti gorfamuu danda’u isin hin jiraachifnee? akeekkachiisaanis isinitti hin dhufnee? (Adaba kiyya) dhandhamaa; miidhaa hojjattootaaf tumsarraa homaa hin jiru.”

38

إِنَّ اللَّهَ عَالِمُ غَيْبِ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۚ إِنَّهُ عَلِيمٌ بِذَاتِ الصُّدُورِ

Dhugumatti, Rabbiin beekaa fagoo samiifi dachiiti. Inni beekaa wantoota qoma keessa jiraniiti.

39

هُوَ الَّذِي جَعَلَكُمْ خَلَائِفَ فِي الْأَرْضِ ۚ فَمَن كَفَرَ فَعَلَيْهِ كُفْرُهُ ۖ وَلَا يَزِيدُ الْكَافِرِينَ كُفْرُهُمْ عِندَ رَبِّهِمْ إِلَّا مَقْتًا ۖ وَلَا يَزِيدُ الْكَافِرِينَ كُفْرُهُمْ إِلَّا خَسَارًا

Inni Isa dachii keessatti bakka bu’oota isin godhe. Namni kafare kufriin isaa isuma irratti. Kaafiroota kufriin isaanii Rabbii isaanii biratti jibbaa malee homaa isaaniif hin dabalu. Kaafiroota kufriin isaanii hoongoo malee homaa isaaniif hin dabalu.

40

قُلْ أَرَأَيْتُمْ شُرَكَاءَكُمُ الَّذِينَ تَدْعُونَ مِن دُونِ اللَّهِ أَرُونِي مَاذَا خَلَقُوا مِنَ الْأَرْضِ أَمْ لَهُمْ شِرْكٌ فِي السَّمَاوَاتِ أَمْ آتَيْنَاهُمْ كِتَابًا فَهُمْ عَلَىٰ بَيِّنَتٍ مِّنْهُ ۚ بَلْ إِن يَعِدُ الظَّالِمُونَ بَعْضُهُم بَعْضًا إِلَّا غُرُورًا

“Sila hiriyoota (shariikoota) keessan kan Rabbiin ala gabbartan mee naaf himaa? Dachii irraa waan isaan uuman mee na argisiisaa. Sila samiilee (uumuu) keessatti hirmaannaan isaaniif ni jiraa? Moo kitaaba isaaniif kenninee, kan isaan ragaa qabatamaa isa irraa ta’e irratti jiran? Lakkisaa; miidhaa hojjattoonni gariin isaanii gariif wal gowwoomsuu malee homaa waadaa waliif hin galanu.

41

إِنَّ اللَّهَ يُمْسِكُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ أَن تَزُولَا ۚ وَلَئِن زَالَتَا إِنْ أَمْسَكَهُمَا مِنْ أَحَدٍ مِّن بَعْدِهِ ۚ إِنَّهُ كَانَ حَلِيمًا غَفُورًا

Rabbiin samiileefi dachiin akka hin deemne qaba. Odoo bakkaa deemaniis Isa malee wanti tokkoyyuu isaan lamaan hin qabu. Inni obsaa, araaramaa ta’eera

42

وَأَقْسَمُوا بِاللَّهِ جَهْدَ أَيْمَانِهِمْ لَئِن جَاءَهُمْ نَذِيرٌ لَّيَكُونُنَّ أَهْدَىٰ مِنْ إِحْدَى الْأُمَمِ ۖ فَلَمَّا جَاءَهُمْ نَذِيرٌ مَّا زَادَهُمْ إِلَّا نُفُورًا

kakuu isaanii cimaa Rabbitti kakatan Yoo akeekkachiisaan isaanitti dhufe ummatoota kamillee caalaa qajeelaa tahan jechuun . Yeroma akeekkachiisan isaanitti dhufu (dhugaa irraa) dheefa malee homaa isaaniif hin daballe.

43

اسْتِكْبَارًا فِي الْأَرْضِ وَمَكْرَ السَّيِّئِ ۚ وَلَا يَحِيقُ الْمَكْرُ السَّيِّئُ إِلَّا بِأَهْلِهِ ۚ فَهَلْ يَنظُرُونَ إِلَّا سُنَّتَ الْأَوَّلِينَ ۚ فَلَن تَجِدَ لِسُنَّتِ اللَّهِ تَبْدِيلًا ۖ وَلَن تَجِدَ لِسُنَّتِ اللَّهِ تَحْوِيلًا

Dachee keessatti boonaafi shira hameenyaa (malee isaaniif hin daballe) shirri hammeenyaa abbaa isaatti malee hin marsu. Sila karaa warra durii malee waan biraa nieeganii? Karaa Rabbiitiif jijjiirama hin argitu; karaa Rabbiitiif (nama biraatti) naannessuu hin argitu.

44

أَوَلَمْ يَسِيرُوا فِي الْأَرْضِ فَيَنظُرُوا كَيْفَ كَانَ عَاقِبَةُ الَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ وَكَانُوا أَشَدَّ مِنْهُمْ قُوَّةً ۚ وَمَا كَانَ اللَّهُ لِيُعْجِزَهُ مِن شَيْءٍ فِي السَّمَاوَاتِ وَلَا فِي الْأَرْضِ ۚ إِنَّهُ كَانَ عَلِيمًا قَدِيرًا

Sila isaan dachii keessa deemanii booddeen warra isaaniin duraa akkam akka ture hin ilaalanuu? humnaan isaan irra jajjaboo ta’anii turan. Rabbiin samiilee keessattiifi dachii keessattis wanti isa dadhabsiisu hin jiru. Inni beekaa, danda’aa ta’eera.

45

وَلَوْ يُؤَاخِذُ اللَّهُ النَّاسَ بِمَا كَسَبُوا مَا تَرَكَ عَلَىٰ ظَهْرِهَا مِن دَابَّةٍ وَلَـٰكِن يُؤَخِّرُهُمْ إِلَىٰ أَجَلٍ مُّسَمًّى ۖ فَإِذَا جَاءَ أَجَلُهُمْ فَإِنَّ اللَّهَ كَانَ بِعِبَادِهِ بَصِيرًا

Rabbiin odoo namoota waan isaan hojjataniif qabee dugda ishee (dachii) irratti lubbu qabeeyyii tokkoyyuu hin dhiisu ture. Garuu hanga yeroo beekamaatti isaan tursiisa. Yeroon isaanii hoggaa dhufe (mindeessa) Rabbiin gabroota isaa argaa ta’eera