Quran.et Logo
orom

surah037

As-Saaffaat Suuraa Hiriirtotaa
Qari'ii (Dubbisaa)
Mala dubbisaa
1
بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَـٰنِ الرَّحِيمِ

وَالصَّافَّاتِ صَفًّا

(Maleykota) hiriiruu hiriiraniin (kakadha.)

2

فَالزَّاجِرَاتِ زَجْرًا

(Maleeykota) oofiinsa oofaniinis

3

فَالتَّالِيَاتِ ذِكْرًا

(Isaan Qur’aana) dubbisiinsa dubbisaniinis.

4

إِنَّ إِلَـٰهَكُمْ لَوَاحِدٌ

Dhugaan gabbaramaan keessan tokkicha

5

رَّبُّ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَا وَرَبُّ الْمَشَارِقِ

(Inni) Gooftaa samii, dachiifi wantoota jidduu isaan lamaanii jiraniiti. Gooftaa bahoowwanitis.

6

إِنَّا زَيَّنَّا السَّمَاءَ الدُّنْيَا بِزِينَةٍ الْكَوَاكِبِ

Nuti samii addunyaa faaya urjiileetiin miidhagsineerra.

7

وَحِفْظًا مِّن كُلِّ شَيْطَانٍ مَّارِدٍ

Sheyxaana fincilaa ta’e hunda irraas tiksuu (tiksineerra)

8

لَّا يَسَّمَّعُونَ إِلَى الْمَلَإِ الْأَعْلَىٰ وَيُقْذَفُونَ مِن كُلِّ جَانِبٍ

Gara garee ol aanaa hin dhaggeeffachiifamanu. Gama hunda irraa (urjiin) darbataman.

9

دُحُورًا ۖ وَلَهُمْ عَذَابٌ وَاصِبٌ

Ari’amuuf jecha (darbatamu) Isaaniif adabbii addaan hin cinnetu jira.

10

إِلَّا مَنْ خَطِفَ الْخَطْفَةَ فَأَتْبَعَهُ شِهَابٌ ثَاقِبٌ

Warra (wahyii) butiinsa butee, qaanqeen uraa (fulla'aa) ta’e isa hordofe malee.

11

فَاسْتَفْتِهِمْ أَهُمْ أَشَدُّ خَلْقًا أَم مَّنْ خَلَقْنَا ۚ إِنَّا خَلَقْنَاهُم مِّن طِينٍ لَّازِبٍ

Mee Isaan gaafadhu, Uumuu keessatti kan irra cimu isaani moo warra uumne kan biraati? Nuti dhoqqee walitti qabattuu irraa isaan uumne.

12

بَلْ عَجِبْتَ وَيَسْخَرُونَ

Dhugumatti, (diduu isaanii) dinqisiifattee jirta; isaan immoo ni qoosu.

13

وَإِذَا ذُكِّرُوا لَا يَذْكُرُونَ

Yeroo gorfamanis hin gorfamanu.

14

وَإِذَا رَأَوْا آيَةً يَسْتَسْخِرُونَ

Yeroo mallattoo arganis ni baacu.

15

وَقَالُوا إِنْ هَـٰذَا إِلَّا سِحْرٌ مُّبِينٌ

“Kun Sihrii ifa galaadha malee waan biraatii miti” jadhan.

16

أَإِذَا مِتْنَا وَكُنَّا تُرَابًا وَعِظَامًا أَإِنَّا لَمَبْعُوثُونَ

“Sila erga duunee, biyyeefi lafee taanee booda, nuti kaafamoodhaa?

17

أَوَآبَاؤُنَا الْأَوَّلُونَ

Abbootiin keenya kan jalqabaatis moo?

18

قُلْ نَعَمْ وَأَنتُمْ دَاخِرُونَ

(Yaa Muhammad!) “eeyyeen; xiqqaatoo taatanii (kaafamtu)” jedhiin.

19

فَإِنَّمَا هِيَ زَجْرَةٌ وَاحِدَةٌ فَإِذَا هُمْ يَنظُرُونَ

Isheen iyyansa tokko qofa; yeroo san isaan ni ilaalu.

20

وَقَالُوا يَا وَيْلَنَا هَـٰذَا يَوْمُ الدِّينِ

“Yaa badii keenya! Kun guyyaa murtiiti” jedhan.

21

هَـٰذَا يَوْمُ الْفَصْلِ الَّذِي كُنتُم بِهِ تُكَذِّبُونَ

“Kun Guyyaa murtii kan isin sobsiisaa turtaniidha” (jedhama).

22

احْشُرُوا الَّذِينَ ظَلَمُوا وَأَزْوَاجَهُمْ وَمَا كَانُوا يَعْبُدُونَ

“Isaan miidhaa dalagan, hiriyoota (fakkaatoo) isaaniitiifi waan isaan gabbaraa turanis walitti qabaa” (malaykotaan jedhama.)

23

مِن دُونِ اللَّهِ فَاهْدُوهُمْ إِلَىٰ صِرَاطِ الْجَحِيمِ

“Rabbiin ala (warra gabbaraa turan walitti qabaa); gara karaa ibidda jahiim isaan qajeelchaa.

24

وَقِفُوهُمْ ۖ إِنَّهُم مَّسْئُولُونَ

Isaan dhaabaa; dhugumatti, isaan ni gaafatamu.

25

مَا لَكُمْ لَا تَنَاصَرُونَ

Sila maal taataniiti waliif hin tumsine?”

26

بَلْ هُمُ الْيَوْمَ مُسْتَسْلِمُونَ

Dhugumatti isaan har’a harka kennoodha.

27

وَأَقْبَلَ بَعْضُهُمْ عَلَىٰ بَعْضٍ يَتَسَاءَلُونَ

Gariin isaanii garii irratti gara galanii, wal gaafatu.

28

قَالُوا إِنَّكُمْ كُنتُمْ تَأْتُونَنَا عَنِ الْيَمِينِ

Ni jedhu: “dhugumatti, isin mirga irraan [gaarii fakkeessuun] nutti dhufaa turtan.”

29

قَالُوا بَل لَّمْ تَكُونُوا مُؤْمِنِينَ

Ni jedhuun: “isinumatu mu’uminoota hin ta’ini.

30

وَمَا كَانَ لَنَا عَلَيْكُم مِّن سُلْطَانٍ ۖ بَلْ كُنتُمْ قَوْمًا طَاغِينَ

Nuti isin irratti aangoo hin qabnu turre. Garuu isinumatu ummata daangaa dabroo taatan.”

31

فَحَقَّ عَلَيْنَا قَوْلُ رَبِّنَا ۖ إِنَّا لَذَائِقُونَ

Jechi Rabbii keenyaa nurratti mirkanaa’eera; dhugumatti nuti (adabbii) dhandhamoodha.

32

فَأَغْوَيْنَاكُمْ إِنَّا كُنَّا غَاوِينَ

Ofii keenyaa jallanneeti isin jallifne” [jedhu].

33

فَإِنَّهُمْ يَوْمَئِذٍ فِي الْعَذَابِ مُشْتَرِكُونَ

Isaan guyyaa san adabbii keessatti waliin hirmaatoodha.

34

إِنَّا كَذَٰلِكَ نَفْعَلُ بِالْمُجْرِمِينَ

Nuti warra badii hojjatan irratti akka kana dalagna.

35

إِنَّهُمْ كَانُوا إِذَا قِيلَ لَهُمْ لَا إِلَـٰهَ إِلَّا اللَّهُ يَسْتَكْبِرُونَ

Isaan yeroo “Rabbiin malee gabbaramaan dhugaa hin jiru” isaanin jedhamu ni boonu.

36

وَيَقُولُونَ أَئِنَّا لَتَارِكُو آلِهَتِنَا لِشَاعِرٍ مَّجْنُونٍ

“Sila nuti weellisaa maraataa (kanaaf) gabbaramtoota keenya dhiifnaa?” jedhu.

37

بَلْ جَاءَ بِالْحَقِّ وَصَدَّقَ الْمُرْسَلِينَ

Lakki! Inni dhugaan dhufeeti ergamtootas dhugoomse.

38

إِنَّكُمْ لَذَائِقُو الْعَذَابِ الْأَلِيمِ

Isin adabbii laalessaa dhandhamuuf jirtu.

39

وَمَا تُجْزَوْنَ إِلَّا مَا كُنتُمْ تَعْمَلُونَ

Waan dalagaa turtan malee hin mindeeffamtan.

40

إِلَّا عِبَادَ اللَّهِ الْمُخْلَصِينَ

gabroottan Rabbii qulqulluu malee.

41

أُولَـٰئِكَ لَهُمْ رِزْقٌ مَّعْلُومٌ

Warri sun hiree (kennaa) beekamaa ta’etu isaaniif jira.

42

فَوَاكِهُ ۖ وَهُم مُّكْرَمُونَ

kabajamoo ta’anii fuduraaleen isaaniif taatuudha.

43

فِي جَنَّاتِ النَّعِيمِ

Jannata qananii keessatti (kabajamoodha).

44

عَلَىٰ سُرُرٍ مُّتَقَابِلِينَ

Haala walitti gara galoo ta’aniin sireewwan irratti ta’u.

45

يُطَافُ عَلَيْهِم بِكَأْسٍ مِّن مَّعِينٍ

Kubbaayyaa farsoo qulqulluu irraa ta’een isaan irra naanna’ama.

46

بَيْضَاءَ لَذَّةٍ لِّلشَّارِبِينَ

Adii, warra dhuganiif mi’ooytuu kan taate.

47

لَا فِيهَا غَوْلٌ وَلَا هُمْ عَنْهَا يُنزَفُونَ

Ishee keessa dhukkubni hin jiru; isaan ishee irraa hin machaa’anis.

48

وَعِندَهُمْ قَاصِرَاتُ الطَّرْفِ عِينٌ

Isaan bira dubartoota ija isaanii gabaabsan, kan ijji babaldhaa ta’etu jira.

49

كَأَنَّهُنَّ بَيْضٌ مَّكْنُونٌ

Isaan (qulqullina keessatti) akka hanqaaquu eegamaati.

50

فَأَقْبَلَ بَعْضُهُمْ عَلَىٰ بَعْضٍ يَتَسَاءَلُونَ

Gariin isaanii garii irratti, gara galaniiti wal gaafatu.

51

قَالَ قَائِلٌ مِّنْهُمْ إِنِّي كَانَ لِي قَرِينٌ

Jedhaan isaan irraa ta’e ni jedha: “ani (addunyaa irratti) hiriyaan qaba ture.

52

يَقُولُ أَإِنَّكَ لَمِنَ الْمُصَدِّقِينَ

Kan “sila ati warra (du’a booda kaafamni akka jiru) amanan irraayii?” jedhu.

53

أَإِذَا مِتْنَا وَكُنَّا تُرَابًا وَعِظَامًا أَإِنَّا لَمَدِينُونَ

“Sila erga duunee biyyeefi lafee (nyaatame) taanee booda kaafamnee mindeeffamnaa?”

54

قَالَ هَلْ أَنتُم مُّطَّلِعُونَ

Ni jedhe: “Sila isin (ana waliin deemtanii ) gadi hin ilaaltanii?”

55

فَاطَّلَعَ فَرَآهُ فِي سَوَاءِ الْجَحِيمِ

Gadi millatee walakkaa jahiimitti isa arge.

56

قَالَ تَاللَّهِ إِن كِدتَّ لَتُرْدِينِ

Ni jedhe: “Rabbiin kakadhee! Na balleessitee oolte!

57

وَلَوْلَا نِعْمَةُ رَبِّي لَكُنتُ مِنَ الْمُحْضَرِينَ

Odoo tolli Gooftaa kiyyaa na tiksuu baatee, silaa anis warra (ibidda) seenan irraa ta’een ture.”

58

أَفَمَا نَحْنُ بِمَيِّتِينَ

(Warri jannataa ni jedhu): “sila nuti lamuu wahii duunaa?

59

إِلَّا مَوْتَتَنَا الْأُولَىٰ وَمَا نَحْنُ بِمُعَذَّبِينَ

Du’a keenya kan jalqabaa malee; nuti adabamoos miti.”

60

إِنَّ هَـٰذَا لَهُوَ الْفَوْزُ الْعَظِيمُ

Kun isumatu milkii guddaadha.

61

لِمِثْلِ هَـٰذَا فَلْيَعْمَلِ الْعَامِلُونَ

Fakkaataa kanaatiif hojjattoonni haa hojjatanu.

62

أَذَٰلِكَ خَيْرٌ نُّزُلًا أَمْ شَجَرَةُ الزَّقُّومِ

Qubannaaf sanatu caala moo, (muka hadhaawaa) zaqquumtu caala?

63

إِنَّا جَعَلْنَاهَا فِتْنَةً لِّلظَّالِمِينَ

Dhugumatti Nuti miidhaa raawwattootaaf mokkoroo ishee taasifne.

64

إِنَّهَا شَجَرَةٌ تَخْرُجُ فِي أَصْلِ الْجَحِيمِ

Isheen muka hundee ibidda jahannam keessaan baatuudha.

65

طَلْعُهَا كَأَنَّهُ رُءُوسُ الشَّيَاطِينِ

Firiin ishee akka mataalee sheyxaanotaati.

66

فَإِنَّهُمْ لَآكِلُونَ مِنْهَا فَمَالِئُونَ مِنْهَا الْبُطُونَ

Isaan ishee irraa nyaatanii garaalee isaanii ishee irraa guuttatu.

67

ثُمَّ إِنَّ لَهُمْ عَلَيْهَا لَشَوْبًا مِّنْ حَمِيمٍ

Sana booda isaaniif (dhugaatii) bishaan danfaa irraa makametu jira.

68

ثُمَّ إِنَّ مَرْجِعَهُمْ لَإِلَى الْجَحِيمِ

Sana booda deebiin isaanii gara ibidda jahannam ta’a.

69

إِنَّهُمْ أَلْفَوْا آبَاءَهُمْ ضَالِّينَ

Isaan abbootii isaanii jallattoota argan.

70

فَهُمْ عَلَىٰ آثَارِهِمْ يُهْرَعُونَ

Isaan faanoowwan isaanii irra deemu.

71

وَلَقَدْ ضَلَّ قَبْلَهُمْ أَكْثَرُ الْأَوَّلِينَ

Isaan duras irra baay’een ummattoota durii jallatanii jiru.

72

وَلَقَدْ أَرْسَلْنَا فِيهِم مُّنذِرِينَ

Dhugumatti isaan keessatti dinniintota erginee jirra.

73

فَانظُرْ كَيْفَ كَانَ عَاقِبَةُ الْمُنذَرِينَ

Booddeen warra dinniinamee akkam akka ta’e ilaali.

74

إِلَّا عِبَادَ اللَّهِ الْمُخْلَصِينَ

Gabroota Rabbii qulqulleeffamoo malee.

75

وَلَقَدْ نَادَانَا نُوحٌ فَلَنِعْمَ الْمُجِيبُونَ

Dhugumatti Nuuh nutti lallabee ture; Nuti warri waamicha owwaate waa tolle!

76

وَنَجَّيْنَاهُ وَأَهْلَهُ مِنَ الْكَرْبِ الْعَظِيمِ

Badii guddaa (bishaanin liqimfamuu) irraa isaafi maatii isaa baraarsine.

77

وَجَعَلْنَا ذُرِّيَّتَهُ هُمُ الْبَاقِينَ

Hortee isaa isaanuma (warra badii jalaa) hafan taasifne.

78

وَتَرَكْنَا عَلَيْهِ فِي الْآخِرِينَ

Isaaf dhaloota boodaa keessatti (yaadannoo gaarii) dhiifne.

79

سَلَامٌ عَلَىٰ نُوحٍ فِي الْعَالَمِينَ

Nageenyi aalama keessatti Nuuh irra haa jiraatu.

80

إِنَّا كَذَٰلِكَ نَجْزِي الْمُحْسِنِينَ

Nuti akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.

81

إِنَّهُ مِنْ عِبَادِنَا الْمُؤْمِنِينَ

Inni gabroota keenya mu’uminootaa irraayi.

82

ثُمَّ أَغْرَقْنَا الْآخَرِينَ

Sana booda warra kaan ni dhidhimsiifne.

83

وَإِنَّ مِن شِيعَتِهِ لَإِبْرَاهِيمَ

Ibraahiimis hordoftoota (karaa) isaa ( Nuuh) irraayi.

84

إِذْ جَاءَ رَبَّهُ بِقَلْبٍ سَلِيمٍ

Yeroo Rabbii isaa bira onnee qulqulluun dhufe (dubbadhu).

85

إِذْ قَالَ لِأَبِيهِ وَقَوْمِهِ مَاذَا تَعْبُدُونَ

Yeroo abbaa isaatiifi ummata isaatiin “maal gabbartu?” jedhe.

86

أَئِفْكًا آلِهَةً دُونَ اللَّهِ تُرِيدُونَ

“Sila kijibaani, gooftoota Allaahn ala godhachuu feetanii?

87

فَمَا ظَنُّكُم بِرَبِّ الْعَالَمِينَ

Rabbii aalama hundaa irratti yaanni keessan maali?”

88

فَنَظَرَ نَظْرَةً فِي النُّجُومِ

Achumaan urjiiwwan keessa ilaalcha tokko ilaale.

89

فَقَالَ إِنِّي سَقِيمٌ

Ani dhukkubsataadha” jedhe.

90

فَتَوَلَّوْا عَنْهُ مُدْبِرِينَ

Isa irraa gara galanii deeman.

91

فَرَاغَ إِلَىٰ آلِهَتِهِمْ فَقَالَ أَلَا تَأْكُلُونَ

Ergasii inni gara gabbaramtoota isaanii maqee “sila hin nyaattanuu?” jedheen.

92

مَا لَكُمْ لَا تَنطِقُونَ

Maal taatanii hin dubbanne?

93

فَرَاغَ عَلَيْهِمْ ضَرْبًا بِالْيَمِينِ

Ergasii isaan irratti mirgaan rukuttaa irratti raawwate.

94

فَأَقْبَلُوا إِلَيْهِ يَزِفُّونَ

(Mushrikoonni) saffisaan gara isaa gara galan.

95

قَالَ أَتَعْبُدُونَ مَا تَنْحِتُونَ

(Ibraahiim) ni jedhe: “sila waanuma (ofii keessanii) boccan gabbartuu?

96

وَاللَّهُ خَلَقَكُمْ وَمَا تَعْمَلُونَ

Odoo Allaahn isiniifi waan isin dalagdanis uume jiruu.”

97

قَالُوا ابْنُوا لَهُ بُنْيَانًا فَأَلْقُوهُ فِي الْجَحِيمِ

(Mushrikoonni) ni jedhan: “jaarmaya isaaf ijaaraa; ergasii ibidda boba’aa keessatti isa darbaa.”

98

فَأَرَادُوا بِهِ كَيْدًا فَجَعَلْنَاهُمُ الْأَسْفَلِينَ

Isaan shira isatti baasuu fedhanii Nuti immoo warra jalaa (moo’amoo) isaan taasifne.

99

وَقَالَ إِنِّي ذَاهِبٌ إِلَىٰ رَبِّي سَيَهْدِينِ

Innis ni jedhe: “Ani gara Rabbii kiyyaa deemaadha; Inni na qajeelcha.

100

رَبِّ هَبْ لِي مِنَ الصَّالِحِينَ

(Yaa) Rabbii (kiyya)! (Ilmaan) gaggaarii naaf kenni.”

101

فَبَشَّرْنَاهُ بِغُلَامٍ حَلِيمٍ

Ilma obsaadhaan isa gammachiifne.

102

فَلَمَّا بَلَغَ مَعَهُ السَّعْيَ قَالَ يَا بُنَيَّ إِنِّي أَرَىٰ فِي الْمَنَامِ أَنِّي أَذْبَحُكَ فَانظُرْ مَاذَا تَرَىٰ ۚ قَالَ يَا أَبَتِ افْعَلْ مَا تُؤْمَرُ ۖ سَتَجِدُنِي إِن شَاءَ اللَّهُ مِنَ الصَّابِرِينَ

Yeroma isa waliin deemuu irra ga’u ni jedhe: “yaa ilma kiyya! Ani manaama keessatti kan si gorra’un arge. Waan siif mul’atu ilaali.” (Ilmis) ni jedhe: “Yaa abbaa kiyya! Waan ajajamte dalagi. Yoo Rabbiin fedhe obsitoota irraa ta’uu na argita.”

103

فَلَمَّا أَسْلَمَا وَتَلَّهُ لِلْجَبِينِ

Yeroo isaan lamaanuu (fedha Rabbiitiif) harka kennan, (abbaan ilma isaa kana) adda isaa irratti ciibse.

104

وَنَادَيْنَاهُ أَن يَا إِبْرَاهِيمُ

Nutis “Yaa Ibraahiim!” jechuun itti lallabne.

105

قَدْ صَدَّقْتَ الرُّؤْيَا ۚ إِنَّا كَذَٰلِكَ نَجْزِي الْمُحْسِنِينَ

“Abjuu (kee) dhugoomsiteetta. Nuti akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.”

106

إِنَّ هَـٰذَا لَهُوَ الْبَلَاءُ الْمُبِينُ

Dhugumatti, kun mokkoroo ifa galaadha.

107

وَفَدَيْنَاهُ بِذِبْحٍ عَظِيمٍ

Gorra’amaa guddaadhaan isa furre.

108

وَتَرَكْنَا عَلَيْهِ فِي الْآخِرِينَ

Isaaf (yaadannoo gaarii) warra boodaa keessatti dhiifne.

109

سَلَامٌ عَلَىٰ إِبْرَاهِيمَ

Nageenyi Ibraahiim irra haa jiraatu.

110

كَذَٰلِكَ نَجْزِي الْمُحْسِنِينَ

Akka kanatti toltuu hojjattoota mindaa isaaniif kennina.

111

إِنَّهُ مِنْ عِبَادِنَا الْمُؤْمِنِينَ

Inni gabroota keenya mu’uminootaa irraayi.

112

وَبَشَّرْنَاهُ بِإِسْحَاقَ نَبِيًّا مِّنَ الصَّالِحِينَ

Is-haaqiin isa gammachiifne, nabiyyii warra gaggaarii irraa kan tae.

113

وَبَارَكْنَا عَلَيْهِ وَعَلَىٰ إِسْحَاقَ ۚ وَمِن ذُرِّيَّتِهِمَا مُحْسِنٌ وَظَالِمٌ لِّنَفْسِهِ مُبِينٌ

Muusaafi Haaruun irrattis dhugumatti tola oollee jirra.

114

وَلَقَدْ مَنَنَّا عَلَىٰ مُوسَىٰ وَهَارُونَ

Muusaafi Haaruun irrattis dhugumatti tola oollee jirra.

115

وَنَجَّيْنَاهُمَا وَقَوْمَهُمَا مِنَ الْكَرْبِ الْعَظِيمِ

Isaan lamaaniifi ummata isaanis rakkina guddaa irraa baraarsinee jirra.

116

وَنَصَرْنَاهُمْ فَكَانُوا هُمُ الْغَالِبِينَ

Isaaniif tumsinee, isaanumatu injifattoota ta’an.

117

وَآتَيْنَاهُمَا الْكِتَابَ الْمُسْتَبِينَ

Kitaaba ifa ta’e isaaniif kennine.

118

وَهَدَيْنَاهُمَا الصِّرَاطَ الْمُسْتَقِيمَ

Karaa qajeelaa isaan qajeelchine.

119

وَتَرَكْنَا عَلَيْهِمَا فِي الْآخِرِينَ

Isaan lamaaniif dhaloota boodaa keessatti (yaadannoo gaarii) dhiifnee jirra.

120

سَلَامٌ عَلَىٰ مُوسَىٰ وَهَارُونَ

Nageenyi Muusaafi Haaruun irra haa jiraatu.

121

إِنَّا كَذَٰلِكَ نَجْزِي الْمُحْسِنِينَ

Nuti akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.

122

إِنَّهُمَا مِنْ عِبَادِنَا الْمُؤْمِنِينَ

Isaan lamaanuu gabroota keenya mu’uminoota irraayi.

123

وَإِنَّ إِلْيَاسَ لَمِنَ الْمُرْسَلِينَ

Ilyaasis ergamtoota irraayi.

124

إِذْ قَالَ لِقَوْمِهِ أَلَا تَتَّقُونَ

Yeroo ummata isaatiin jedhe [yaadadhu]:“Rabbiin hin sadaattanuu?

125

أَتَدْعُونَ بَعْلًا وَتَذَرُونَ أَحْسَنَ الْخَالِقِينَ

Sila ‘Ba’al’ gabbartanii (Gooftaa) warra waa uumu hunda irra caalaa ta’e dhiiftuu?[1]

126

اللَّهَ رَبَّكُمْ وَرَبَّ آبَائِكُمُ الْأَوَّلِينَ

Allaah Goftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan isaan jalqabaa ta’e.”

127

فَكَذَّبُوهُ فَإِنَّهُمْ لَمُحْضَرُونَ

Isa sobsiisan. Kanaafuu isaan dhugumatti (adabaaf) dhiheeffamu.

128

إِلَّا عِبَادَ اللَّهِ الْمُخْلَصِينَ

Gabroota Rabbii qulqulleeffamoo malee.

129

وَتَرَكْنَا عَلَيْهِ فِي الْآخِرِينَ

Isaaf dhaloota boodaa keessatti (yaadannoo gaarii) dhiifnee jirra.

130

سَلَامٌ عَلَىٰ إِلْ يَاسِينَ

Nageenyi Ilyaas irra haa jiraatu.

131

إِنَّا كَذَٰلِكَ نَجْزِي الْمُحْسِنِينَ

Nuti akka kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.

132

إِنَّهُ مِنْ عِبَادِنَا الْمُؤْمِنِينَ

Inni gabroota keenya mu’uminoota irraayi.

133

وَإِنَّ لُوطًا لَّمِنَ الْمُرْسَلِينَ

Luuxiis ergamtoota irraayi.

134

إِذْ نَجَّيْنَاهُ وَأَهْلَهُ أَجْمَعِينَ

Yeroo isaafi maatii isaa hunda (adaba jalaa) baraarsine [yaadadhu].

135

إِلَّا عَجُوزًا فِي الْغَابِرِينَ

Jaartii (niitii isaa) kan warra (adabbiif) hafan keessa taate malee.

136

ثُمَّ دَمَّرْنَا الْآخَرِينَ

Sana booda kan biraa hunda ni balleessine.

137

وَإِنَّكُمْ لَتَمُرُّونَ عَلَيْهِم مُّصْبِحِينَ

Isin ganamfatoo taatanii isaan irra dabartu.

138

وَبِاللَّيْلِ ۗ أَفَلَا تَعْقِلُونَ

Halkanis (irra qaxxaamurtu); sila sammuu hin qabdanii?

139

وَإِنَّ يُونُسَ لَمِنَ الْمُرْسَلِينَ

Dhugumatti, (nabi) Yuunusis ergamtoota irraayi.

140

إِذْ أَبَقَ إِلَى الْفُلْكِ الْمَشْحُونِ

Yeroo gara doonii (fe’isaan) guutamee sokke [yaadadhu].

141

فَسَاهَمَ فَكَانَ مِنَ الْمُدْحَضِينَ

(Namoota doonii waliin) carraa kaasee, warra carraan itti ba’e irraa ta’e.

142

فَالْتَقَمَهُ الْحُوتُ وَهُوَ مُلِيمٌ

Haala komatamaa ta’een qurxummiin isa liqimse.

143

فَلَوْلَا أَنَّهُ كَانَ مِنَ الْمُسَبِّحِينَ

Odoo inni warra Rabbiin qulqulleessan [1] irraa ta’uu baatee;

144

لَلَبِثَ فِي بَطْنِهِ إِلَىٰ يَوْمِ يُبْعَثُونَ

Silaa hanga guyyaa kaafamaniitti garaa isaa (qurxumichaa) keessa jiraata ture.

145

فَنَبَذْنَاهُ بِالْعَرَاءِ وَهُوَ سَقِيمٌ

Isaa dhukkubsataa lafa dirreetti isa darbine.

146

وَأَنبَتْنَا عَلَيْهِ شَجَرَةً مِّن يَقْطِينٍ

Muka buqqee irraa ta’e isa irratti biqilchine.

147

وَأَرْسَلْنَاهُ إِلَىٰ مِائَةِ أَلْفٍ أَوْ يَزِيدُونَ

Gara (namoota) kuma dhibbaa yookiin sanarra dabalaniitti isa ergine.

148

فَآمَنُوا فَمَتَّعْنَاهُمْ إِلَىٰ حِينٍ

Ni amannaan hanga yeroo murtaa’eetti isaan qanansiifne

149

فَاسْتَفْتِهِمْ أَلِرَبِّكَ الْبَنَاتُ وَلَهُمُ الْبَنُونَ

(Yaa Muhammad!) isaan gaafadhu: “Sila Gooftaa keetiif ilmoon dubaraa ta’aniiti, isaaniif immoo ilmaan dhiiraa ta’anii?”

150

أَمْ خَلَقْنَا الْمَلَائِكَةَ إِنَاثًا وَهُمْ شَاهِدُونَ

Moo isaanii argani malaykota dubara uumnee?

151

أَلَا إِنَّهُم مِّنْ إِفْكِهِمْ لَيَقُولُونَ

Dhagaayaa! Isaan soba isaanii irraa ni jedhu.

152

وَلَدَ اللَّهُ وَإِنَّهُمْ لَكَاذِبُونَ

“Rabbiin ni dhale” (jedhu) Dhugumatti, isaan kijiboodha.

153

أَصْطَفَى الْبَنَاتِ عَلَى الْبَنِينَ

Sila Inni ilmaan dubaraati ilmaan dhiiraa irra filatee?

154

مَا لَكُمْ كَيْفَ تَحْكُمُونَ

Maal taatan? Akkamitti murteessitan?

155

أَفَلَا تَذَكَّرُونَ

Sila hin gorfamtanuu?

156

أَمْ لَكُمْ سُلْطَانٌ مُّبِينٌ

Moo ragaa ifa ta’etu isiniif jira?

157

فَأْتُوا بِكِتَابِكُمْ إِن كُنتُمْ صَادِقِينَ

Yoo kan dhugaa jettan taataniif kitaaba keessaniin koottaa.

158

وَجَعَلُوا بَيْنَهُ وَبَيْنَ الْجِنَّةِ نَسَبًا ۚ وَلَقَدْ عَلِمَتِ الْجِنَّةُ إِنَّهُمْ لَمُحْضَرُونَ

Gidduu Isaatiifi gidduu malaykotaatti firummaa godhan. Malaykoonni dhugumatti akka isaan (kun) dhiaatuuf jiran sirritti beekanii jiru.

159

سُبْحَانَ اللَّهِ عَمَّا يَصِفُونَ

Waan isaan (kaafirtoonni), isaan jedhan irraa Rabbiin qulqullaa’e.

160

إِلَّا عِبَادَ اللَّهِ الْمُخْلَصِينَ

Gabroota Rabbii isaan qulqulleeffamoo malee (ni dhihaatu).

161

فَإِنَّكُمْ وَمَا تَعْبُدُونَ

Isiniifi wantoonni isin gabbartan.

162

مَا أَنتُمْ عَلَيْهِ بِفَاتِنِينَ

Isin isa irratti (nama amane kamillee) jallistootaa miti.

163

إِلَّا مَنْ هُوَ صَالِ الْجَحِيمِ

Namoota ibidda jahannam seenun (itti murtaa’e) malee.

164

وَمَا مِنَّا إِلَّا لَهُ مَقَامٌ مَّعْلُومٌ

Nurraa (maleykaan) tokkollee iddoon beekamaan isaaf ta’u malee hin hafu.

165

وَإِنَّا لَنَحْنُ الصَّافُّونَ

.Nuti (maleykonni), dhugumatti, hiriira galoodha.

166

وَإِنَّا لَنَحْنُ الْمُسَبِّحُونَ

Nuti dhugumatti Rabbiin qulqullessoodha.

167

وَإِن كَانُوا لَيَقُولُونَ

Isaan (mushrikoonni) ni jedhu:

168

لَوْ أَنَّ عِندَنَا ذِكْرًا مِّنَ الْأَوَّلِينَ

“Odoo yaadannoo warra durii keessaa tokko nu bira jiraatee,

169

لَكُنَّا عِبَادَ اللَّهِ الْمُخْلَصِينَ

Silaa dhugumatti gabroota Rabbii qulqulleeffamoo taana turre.”

170

فَكَفَرُوا بِهِ ۖ فَسَوْفَ يَعْلَمُونَ

(Qur’aanni itti dhufnaan) isatti kafaran. Fuula dura beekuuf jiraatu.

171

وَلَقَدْ سَبَقَتْ كَلِمَتُنَا لِعِبَادِنَا الْمُرْسَلِينَ

Dhugumatti, jechi keenya gabroota keenya ergamtootaaf dabreera.

172

إِنَّهُمْ لَهُمُ الْمَنصُورُونَ

Isaan isaanumatu tumsamoodha.

173

وَإِنَّ جُندَنَا لَهُمُ الْغَالِبُونَ

Waraanni keenyas injifattoonni isaanuma (jechuunis dabarte).

174

فَتَوَلَّ عَنْهُمْ حَتَّىٰ حِينٍ

(Yaa Muhammad!) Yeroo murtaa’eef isaan dhiisii irraa garagali.

175

وَأَبْصِرْهُمْ فَسَوْفَ يُبْصِرُونَ

Ati itti eegi, fuula dura (waan isaaniif qophaa’e) ni argu.

176

أَفَبِعَذَابِنَا يَسْتَعْجِلُونَ

Sila adabbii keenya jarjarfatanii?

177

فَإِذَا نَزَلَ بِسَاحَتِهِمْ فَسَاءَ صَبَاحُ الْمُنذَرِينَ

Yeroo (adabbiin) qe’ee isaaniitti bu’e, bariisaan warra dinniinamanii fokkateera.

178

وَتَوَلَّ عَنْهُمْ حَتَّىٰ حِينٍ

(Yaa Muhammad!) hanga yeroo murtaa’eetti isaan irraa garagali.

179

وَأَبْصِرْ فَسَوْفَ يُبْصِرُونَ

Itti eegi, fuula dura (waan isaaniif qophaa’e) ni argu.

180

سُبْحَانَ رَبِّكَ رَبِّ الْعِزَّةِ عَمَّا يَصِفُونَ

Goftaan kee, Gooftaan injifannaa, waan isaan jedhaniin irraa qulqullaa’e.

181

وَسَلَامٌ عَلَى الْمُرْسَلِينَ

Nageenyis ergamtoota irra haa jiraatu.

182

وَالْحَمْدُ لِلَّهِ رَبِّ الْعَالَمِينَ

Faaruun hundi kan Allaah, Gooftaa aalama hundaati.