Quran.et Logo
orom

surah054

Al-Qamar Suuraa Ji'aa
Qari'ii (Dubbisaa)
Mala dubbisaa
1
بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَـٰنِ الرَّحِيمِ

اقْتَرَبَتِ السَّاعَةُ وَانشَقَّ الْقَمَرُ

Qiyaamaan kaloofte; jiinis lamatti addaan dhoohe.

2

وَإِن يَرَوْا آيَةً يُعْرِضُوا وَيَقُولُوا سِحْرٌ مُّسْتَمِرٌّ

Yeroo mallattoo argan gara galaniiti “(kun) sihrii ittifufaa” jedhu.

3

وَكَذَّبُوا وَاتَّبَعُوا أَهْوَاءَهُمْ ۚ وَكُلُّ أَمْرٍ مُّسْتَقِرٌّ

(Qur’aana) sobsiisanii fedha lubbuu isaanii hordofu. Wanti hunduu galma ga’aadha.

4

وَلَقَدْ جَاءَهُم مِّنَ الْأَنبَاءِ مَا فِيهِ مُزْدَجَرٌ

Dhugumatti, oduu irraa wanti isa keessa sodaachisni jiru isaanitti dhufeera.

5

حِكْمَةٌ بَالِغَةٌ ۖ فَمَا تُغْنِ النُّذُرُ

Beekumsi ga’aan (isaanitti dhufeera). Akeekkachiistonni homaa isaan hin fayyadu.

6

فَتَوَلَّ عَنْهُمْ ۘ يَوْمَ يَدْعُ الدَّاعِ إِلَىٰ شَيْءٍ نُّكُرٍ

Isaan irraa garagali Guyyaa waamaan gara waan rifachiisaa ta’eetti (isaan) waamu (yaadachiisi).

7

خُشَّعًا أَبْصَارُهُمْ يَخْرُجُونَ مِنَ الْأَجْدَاثِ كَأَنَّهُمْ جَرَادٌ مُّنتَشِرٌ

(Guyyaa san) ijji isaanii sodaan guutamteeti, awwaala (isaanii) irraa ba’an akka awwaannisa faca’ee fakkaatu.

8

مُّهْطِعِينَ إِلَى الدَّاعِ ۖ يَقُولُ الْكَافِرُونَ هَـٰذَا يَوْمٌ عَسِرٌ

Gara waamaatti ori’u Kaafiroonni “Kun guyyaa (rakkisaa) cimaadha.” jedhu.

9

كَذَّبَتْ قَبْلَهُمْ قَوْمُ نُوحٍ فَكَذَّبُوا عَبْدَنَا وَقَالُوا مَجْنُونٌ وَازْدُجِرَ

Isaaniin dura ummanni Nuuh sobsiifteera. Gabricha keenya (Nuuh) sobsiisan, “inni maraataa dhajedhan" rakkifame.

10

فَدَعَا رَبَّهُ أَنِّي مَغْلُوبٌ فَانتَصِرْ

“Ani injifatamaa dhaa naaf tumsi” (jedhee) Gooftaa isaa kadhate.

11

فَفَتَحْنَا أَبْوَابَ السَّمَاءِ بِمَاءٍ مُّنْهَمِرٍ

Bishaan dhangala’aa ta’een hulaalee samii itti banne.

12

وَفَجَّرْنَا الْأَرْضَ عُيُونًا فَالْتَقَى الْمَاءُ عَلَىٰ أَمْرٍ قَدْ قُدِرَ

Burqituuwwan dachii burqisiifnee bishaan (samiifi dachii) murtii dhugumaan murtaa’e irratti walitti dhufan.

13

وَحَمَلْنَاهُ عَلَىٰ ذَاتِ أَلْوَاحٍ وَدُسُرٍ

Doonii abbaa xawulaafi mismaaraa irratti isa yaabbachiifne (feene).

14

تَجْرِي بِأَعْيُنِنَا جَزَاءً لِّمَن كَانَ كُفِرَ

Tika keenyaan deemti Galata isa itti kafaramee (haa taatuuf kana goone).

15

وَلَقَد تَّرَكْنَاهَا آيَةً فَهَلْ مِن مُّدَّكِرٍ

Dhugumatti, Nuti mallattoo akka taatuuf ishee dhiifne. Namni ittiin gorfamu jiraa laata?

16

فَكَيْفَ كَانَ عَذَابِي وَنُذُرِ

(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi sodaachisni kiyyas akkam ture laata?

17

وَلَقَدْ يَسَّرْنَا الْقُرْآنَ لِلذِّكْرِ فَهَلْ مِن مُّدَّكِرٍ

Dhugumatti, Qur’aanas hubachuudhaaf laaffifneerra gorfamaan jiraa?

18

كَذَّبَتْ عَادٌ فَكَيْفَ كَانَ عَذَابِي وَنُذُرِ

(Ummanni) Aad (Huudiin) sobsiifte. adabbiin kiyyaafi akeekkachiifni kiyyaas akkam ta’e ree?

19

إِنَّا أَرْسَلْنَا عَلَيْهِمْ رِيحًا صَرْصَرًا فِي يَوْمِ نَحْسٍ مُّسْتَمِرٍّ

Nuti qilleensa qorraa isaanitti ergine guyyaa hamaa itti fufaa ta’e keessa.

20

تَنزِعُ النَّاسَ كَأَنَّهُمْ أَعْجَازُ نَخْلٍ مُّنقَعِرٍ

Nama ni buqqifti (Yeroo san) jirma teemiraa kan dachii irraa buqqa’e fakkaatu.

21

فَكَيْفَ كَانَ عَذَابِي وَنُذُرِ

(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi akeekkachiisni kiyyas akkam ture laata?

22

وَلَقَدْ يَسَّرْنَا الْقُرْآنَ لِلذِّكْرِ فَهَلْ مِن مُّدَّكِرٍ

Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifnee jirra. gorfamaan jiraa?

23

كَذَّبَتْ ثَمُودُ بِالنُّذُرِ

(Ummanni) Samuudis akeekkachiisa (kiyya) sobsiisaniiru.

24

فَقَالُوا أَبَشَرًا مِّنَّا وَاحِدًا نَّتَّبِعُهُ إِنَّا إِذًا لَّفِي ضَلَالٍ وَسُعُرٍ

Ni jedhan: “nama nurraa ta’e tokko hordofnaa? Nuti yuggas jallinaafi maraatuu keessa jirra.

25

أَأُلْقِيَ الذِّكْرُ عَلَيْهِ مِن بَيْنِنَا بَلْ هُوَ كَذَّابٌ أَشِرٌ

Sila yaadachiifni kun nu hunda gidduu isa (Nabi Saalih) qofa irratti buufamee? Lakkisaa! Inni akkaan sobaa, boonaadha.

26

سَيَعْلَمُونَ غَدًا مَّنِ الْكَذَّابُ الْأَشِرُ

Sobaan boonaan eenyuun akka ta’e boru beekuuf jiru.

27

إِنَّا مُرْسِلُو النَّاقَةِ فِتْنَةً لَّهُمْ فَارْتَقِبْهُمْ وَاصْطَبِرْ

Dhugumatti, Nuti gaala dhaltuu isaaniin mokkoruuf ergoodha. Kanaaf (Yaa Saalih!) Isaan eegi; obsis.

28

وَنَبِّئْهُمْ أَنَّ الْمَاءَ قِسْمَةٌ بَيْنَهُمْ ۖ كُلُّ شِرْبٍ مُّحْتَضَرٌ

Bishaan (gaalattii fi) isaan gidduutti qoodamus isaanitti himi. Dhugaatiin (garee) hundaayyuu dhufamaadha.

29

فَنَادَوْا صَاحِبَهُمْ فَتَعَاطَىٰ فَعَقَرَ

Hiriyaa isaaniitti lallabaniiti, (waraana isaa) fudhatee waraane.

30

فَكَيْفَ كَانَ عَذَابِي وَنُذُرِ

(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi akeekkachiisni kiyyaa akkam ture laata?

31

إِنَّا أَرْسَلْنَا عَلَيْهِمْ صَيْحَةً وَاحِدَةً فَكَانُوا كَهَشِيمِ الْمُحْتَظِرِ

Nuti iyya tokkittii isaan irratti ergine. Ergasii akka caccabaa mooraa horiin irra deemee tahan.

32

وَلَقَدْ يَسَّرْنَا الْقُرْآنَ لِلذِّكْرِ فَهَلْ مِن مُّدَّكِرٍ

Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifneerra. Egaa namni gorfamu jiraa?

33

كَذَّبَتْ قَوْمُ لُوطٍ بِالنُّذُرِ

Ummanni “Luux” dinniina sobsiisaniiru.

34

إِنَّا أَرْسَلْنَا عَلَيْهِمْ حَاصِبًا إِلَّا آلَ لُوطٍ ۖ نَّجَّيْنَاهُم بِسَحَرٍ

Nuti isaan irratti bubbee cirrachaa erginee jirra. Maatii Luux malee, (yeroo) bariisaa isaan baraarsine.

35

نِّعْمَةً مِّنْ عِندِنَا ۚ كَذَٰلِكَ نَجْزِي مَن شَكَرَ

Qananii Nu biraa ta’eef (baraarsine). Akka kanatti nama galata Nuuf galche galateessina.

36

وَلَقَدْ أَنذَرَهُم بَطْشَتَنَا فَتَمَارَوْا بِالنُّذُرِ

Dhugumatti, inni (Luux) qabaa keenya isaan akeekkachiisee jira. Isaan garuu dinniinicha falmaniiru.

37

وَلَقَدْ رَاوَدُوهُ عَن ضَيْفِهِ فَطَمَسْنَا أَعْيُنَهُمْ فَذُوقُوا عَذَابِي وَنُذُرِ

Keessummaa isaa irraa (badii itti hojjachuuf) isa gaafatan. ijoowwan isaanii jaamsinee “adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (jenneen).

38

وَلَقَدْ صَبَّحَهُم بُكْرَةً عَذَابٌ مُّسْتَقِرٌّ

Dhugumatti, adabbiin cimaan bariidhaan isaanitti ganamfate.

39

فَذُوقُوا عَذَابِي وَنُذُرِ

Adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (isaaniin jenne).

40

وَلَقَدْ يَسَّرْنَا الْقُرْآنَ لِلذِّكْرِ فَهَلْ مِن مُّدَّكِرٍ

Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifneerra. Egaa namni gorfamu jiraa?

41

وَلَقَدْ جَاءَ آلَ فِرْعَوْنَ النُّذُرُ

Dhugumatti, maatii Fir’awnitti akeekkachiisonni dhufeera.

42

كَذَّبُوا بِآيَاتِنَا كُلِّهَا فَأَخَذْنَاهُمْ أَخْذَ عَزِيزٍ مُّقْتَدِرٍ

Mallattoolee keenya hunda sobsiisaniiti, qabaa Isa injifataa, danda’aa ta’ee isaan qabne.

43

أَكُفَّارُكُمْ خَيْرٌ مِّنْ أُولَـٰئِكُمْ أَمْ لَكُم بَرَاءَةٌ فِي الزُّبُرِ

(Yaa Qureeyshotaa!) Sila kaafiroota keessantu isaan kanneen irra caala moo kitaabota keessa (adabbii irraa) baraaramuutu isiniif jira?

44

أَمْ يَقُولُونَ نَحْنُ جَمِيعٌ مُّنتَصِرٌ

Hinumaayyuu “Nuti tuuta injifattoota” jedhu.

45

سَيُهْزَمُ الْجَمْعُ وَيُوَلُّونَ الدُّبُرَ

Tuutni isaanii cabsameeti dugda gara galuuf jiru.

46

بَلِ السَّاعَةُ مَوْعِدُهُمْ وَالسَّاعَةُ أَدْهَىٰ وَأَمَرُّ

Dhugumatti, Qiyaamaan beellama isaaniiti. Qiyaamaan irra ulfaattuufi akkaan hadhooftuudha.

47

إِنَّ الْمُجْرِمِينَ فِي ضَلَالٍ وَسُعُرٍ

Dhugumatti, yakkamtoonni jallinaafi ibidda qabsiifamaa keessatti ta’u.

48

يَوْمَ يُسْحَبُونَ فِي النَّارِ عَلَىٰ وُجُوهِهِمْ ذُوقُوا مَسَّ سَقَرَ

Guyyaa fuulleen isaanii irratti ibidda keessa harkifaman, “tuqiinsa Saqar (gubaa ibiddaa) dhandhamaa” (jedhamaan).

49

إِنَّا كُلَّ شَيْءٍ خَلَقْنَاهُ بِقَدَرٍ

Nuti waan hunda likki likkiin isa uumne.

50

وَمَا أَمْرُنَا إِلَّا وَاحِدَةٌ كَلَمْحٍ بِالْبَصَرِ

Ajajni keenya waantaane takka malee akkuma liphsuu ijaa.

51

وَلَقَدْ أَهْلَكْنَا أَشْيَاعَكُمْ فَهَلْ مِن مُّدَّكِرٍ

Dhugumatti, Nuti fakkaattota keessan balleessinee jirra. Namni gorfamu jiraa?

52

وَكُلُّ شَيْءٍ فَعَلُوهُ فِي الزُّبُرِ

Wanti isaan hojjatan hunduu galmeewwan keessa jira.

53

وَكُلُّ صَغِيرٍ وَكَبِيرٍ مُّسْتَطَرٌ

Wanti xiqqaafi guddaan hundi barreeffamaadha.

54

إِنَّ الْمُتَّقِينَ فِي جَنَّاتٍ وَنَهَرٍ

Warri Rabbiin sodaatan jannatootaafi laggeen keessa jiraatu.

55

فِي مَقْعَدِ صِدْقٍ عِندَ مَلِيكٍ مُّقْتَدِرٍ

Teessoo dhugaa (jannata) keessa Mootii danda’aa bira jiraatu.