Qari'ii (Dubbisaa)
Mala dubbisaa
1
Odeeffannoo dabalataa
سَبَّحَ لِلَّهِ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۖ وَهُوَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ
Wanti samiileefi dachii keessa jiru hundi Rabbiin qulqulleesse. Inni injifataa, Ogeessa.
بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَـٰنِ الرَّحِيمِ
سَبَّحَ لِلَّهِ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۖ وَهُوَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ
Wanti samiileefi dachii keessa jiru hundi Rabbiin qulqulleesse. Inni injifataa, Ogeessa.
2
Odeeffannoo dabalataa
لَهُ مُلْكُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۖ يُحْيِي وَيُمِيتُ ۖ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ
Mootummaan samiileefi dachii kan Isaati. Inni ni jiraachisa; ni ajjeesas. Inni waan hunda irratti danda’aadha.

3
Odeeffannoo dabalataa
هُوَ الْأَوَّلُ وَالْآخِرُ وَالظَّاهِرُ وَالْبَاطِنُ ۖ وَهُوَ بِكُلِّ شَيْءٍ عَلِيمٌ
Inni duruma jira; kan boodaatis; mul’ataadha; dhokataadha Inni waan hunda beekaadha.

4
Odeeffannoo dabalataa
هُوَ الَّذِي خَلَقَ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ فِي سِتَّةِ أَيَّامٍ ثُمَّ اسْتَوَىٰ عَلَى الْعَرْشِ ۚ يَعْلَمُ مَا يَلِجُ فِي الْأَرْضِ وَمَا يَخْرُجُ مِنْهَا وَمَا يَنزِلُ مِنَ السَّمَاءِ وَمَا يَعْرُجُ فِيهَا ۖ وَهُوَ مَعَكُمْ أَيْنَ مَا كُنتُمْ ۚ وَاللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرٌ
Inni Isa samiileefi dachii guyyoota jaha keessatti uumee; ergasii ‘Arshii’ irratti (ol ta’iinsa isaaf malu) ol ta’eedha. Waan dachii keessa gadi seenu nibeeka, waan ishee irraa ba’us, waan samii irraa bu’us, waan ishee keessa ol ba’us (ni beeka). Inni eessallee yoo jiraattan isin waliin jira. Rabbiin waan isin dalagdan hunda ni arga.

5
Odeeffannoo dabalataa
لَّهُ مُلْكُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۚ وَإِلَى اللَّهِ تُرْجَعُ الْأُمُورُ
Mootummaan samiileefi dachii kan Isaati. Dhimmoonni gara Rabbiitti deebifamti.

6
Odeeffannoo dabalataa
يُولِجُ اللَّيْلَ فِي النَّهَارِ وَيُولِجُ النَّهَارَ فِي اللَّيْلِ ۚ وَهُوَ عَلِيمٌ بِذَاتِ الصُّدُورِ
Halkan guyyaa keessa galcha; guyyaas halkan keessa galcha. Inni beekaa waan qomoota keessa jiruuti.

7
Odeeffannoo dabalataa
آمِنُوا بِاللَّهِ وَرَسُولِهِ وَأَنفِقُوا مِمَّا جَعَلَكُم مُّسْتَخْلَفِينَ فِيهِ ۖ فَالَّذِينَ آمَنُوا مِنكُمْ وَأَنفَقُوا لَهُمْ أَجْرٌ كَبِيرٌ
Rabbiifi ergamaa Isaatti amanaa; waan Inni isa keessatti bakka bu’oota isin taasise irraas kennadhaa. Isin irraa isaan amananii, arjooman, isaaniif mindaa guddaatu jira.

8
Odeeffannoo dabalataa
وَمَا لَكُمْ لَا تُؤْمِنُونَ بِاللَّهِ ۙ وَالرَّسُولُ يَدْعُوكُمْ لِتُؤْمِنُوا بِرَبِّكُمْ وَقَدْ أَخَذَ مِيثَاقَكُمْ إِن كُنتُم مُّؤْمِنِينَ
Sila maaltu isinii jiraaf Rabbitti amanuu diddan? Odoo ergamaan akka gooftaa keessanitti amantaniif isin waamuu, odoo waadaa keessan isin irraa fuudhee jiruu, yoo mu’uminoota taatan.

9
Odeeffannoo dabalataa
هُوَ الَّذِي يُنَزِّلُ عَلَىٰ عَبْدِهِ آيَاتٍ بَيِّنَاتٍ لِّيُخْرِجَكُم مِّنَ الظُّلُمَاتِ إِلَى النُّورِ ۚ وَإِنَّ اللَّهَ بِكُمْ لَرَءُوفٌ رَّحِيمٌ
Inni Isa gabricha Isaa irratti keeyyattoota ifa ba’aa ta’an buuseedha, dukkanoowwan irraa gara ifaatti isin baasuuf jecha. Allaah’n isin mararfataa, rahmata godhaadha.

10
Odeeffannoo dabalataa
وَمَا لَكُمْ أَلَّا تُنفِقُوا فِي سَبِيلِ اللَّهِ وَلِلَّهِ مِيرَاثُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۚ لَا يَسْتَوِي مِنكُم مَّنْ أَنفَقَ مِن قَبْلِ الْفَتْحِ وَقَاتَلَ ۚ أُولَـٰئِكَ أَعْظَمُ دَرَجَةً مِّنَ الَّذِينَ أَنفَقُوا مِن بَعْدُ وَقَاتَلُوا ۚ وَكُلًّا وَعَدَ اللَّهُ الْحُسْنَىٰ ۚ وَاللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ خَبِيرٌ
Karaa Rabbii keessatti kan hin arjoomne maaltu isiniif tahe? Dhaalli samiileefi dachiis kan Allaah qofa. Isin irraa namni injifannoo (Makkaa) dura arjoomeefi lole (isaan sana booda arjoomaniifi lolan wajjiin) wal hin qixxaatu. Isaan sun warra sana booda arjoomaniifi lolan irra sadarkaa guddaa qabu. Hundaa Rabbiin (mindaa) gaarii waadaa galeefii jira. Rabbiin iccitii waan isin dalagdanii beekaadha.

11
Odeeffannoo dabalataa
مَّن ذَا الَّذِي يُقْرِضُ اللَّهَ قَرْضًا حَسَنًا فَيُضَاعِفَهُ لَهُ وَلَهُ أَجْرٌ كَرِيمٌ
Namni Rabbiif liqii gaarii liqeessee eenyu laata? kan Inni (Rabbiin) dachaa isaaf taasisu, kan mindaan gaariin isaaf ta’u.

12
Odeeffannoo dabalataa
يَوْمَ تَرَى الْمُؤْمِنِينَ وَالْمُؤْمِنَاتِ يَسْعَىٰ نُورُهُم بَيْنَ أَيْدِيهِمْ وَبِأَيْمَانِهِم بُشْرَاكُمُ الْيَوْمَ جَنَّاتٌ تَجْرِي مِن تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ خَالِدِينَ فِيهَا ۚ ذَٰلِكَ هُوَ الْفَوْزُ الْعَظِيمُ
Guyyaa mu’uminoota dhiiraafi dubartootaa argitu kan ifaan isaanii fuuldura isaanitiifi mirgaalee isaanii irra deemu “gammachuun keessan ar’a, oyruu jala isii laggeen yaatuudha isii keessatti hafoo taatanii (isii seentu); Sun milkii guddaadha” (isaaniin jedhama).

13
Odeeffannoo dabalataa
يَوْمَ يَقُولُ الْمُنَافِقُونَ وَالْمُنَافِقَاتُ لِلَّذِينَ آمَنُوا انظُرُونَا نَقْتَبِسْ مِن نُّورِكُمْ قِيلَ ارْجِعُوا وَرَاءَكُمْ فَالْتَمِسُوا نُورًا فَضُرِبَ بَيْنَهُم بِسُورٍ لَّهُ بَابٌ بَاطِنُهُ فِيهِ الرَّحْمَةُ وَظَاهِرُهُ مِن قِبَلِهِ الْعَذَابُ
Guyyaa munaafiqoonni dhiirotaafi dubartootaa isaan amananiin “nu eegaa! Ifaa keessan irraa qabsiifannaa!” jedhan, “Gara booda keessaniitti deebi’aa! Ifaa (achii) barbaadaa” jedhama. Gidduu isaaniitti jogola (dahoo) balbala qabu kan keessoo isaa keessi rahmanni, ala isaa immoo kallattii isaatiin azaabn jiru taasifama.

14
Odeeffannoo dabalataa
يُنَادُونَهُمْ أَلَمْ نَكُن مَّعَكُمْ ۖ قَالُوا بَلَىٰ وَلَـٰكِنَّكُمْ فَتَنتُمْ أَنفُسَكُمْ وَتَرَبَّصْتُمْ وَارْتَبْتُمْ وَغَرَّتْكُمُ الْأَمَانِيُّ حَتَّىٰ جَاءَ أَمْرُ اللَّهِ وَغَرَّكُم بِاللَّهِ الْغَرُورُ
(Munaafiqoonni) isaan (mu’uminoota) waamaniiti “Nuti isin waliin hin turree?” (jedhuun). nijedhniin “Eeyyeen! Garuu isin lubbuulee keessan jalliftanii, badii keenya eegaa turtanii, (amantiis) shakkitanii, hawwiin sobaa isin gowwoomsitee hanga ajajni Rabbii dhufutti, gowwoomsaan (sheyxaanni) (obsa) Rabbiitiin isin gowwoomse.

15
Odeeffannoo dabalataa
فَالْيَوْمَ لَا يُؤْخَذُ مِنكُمْ فِدْيَةٌ وَلَا مِنَ الَّذِينَ كَفَرُوا ۚ مَأْوَاكُمُ النَّارُ ۖ هِيَ مَوْلَاكُمْ ۖ وَبِئْسَ الْمَصِيرُ
Har’a isiniifi isaan kafaran irraas kafaltiin (furtuun) hin fuudhamu. Teessoon keessan ibidda. Isheen isiniin maltuu teessani. Deebiin waa fokkate!

16
Odeeffannoo dabalataa
أَلَمْ يَأْنِ لِلَّذِينَ آمَنُوا أَن تَخْشَعَ قُلُوبُهُمْ لِذِكْرِ اللَّهِ وَمَا نَزَلَ مِنَ الْحَقِّ وَلَا يَكُونُوا كَالَّذِينَ أُوتُوا الْكِتَابَ مِن قَبْلُ فَطَالَ عَلَيْهِمُ الْأَمَدُ فَقَسَتْ قُلُوبُهُمْ ۖ وَكَثِيرٌ مِّنْهُمْ فَاسِقُونَ
Warra amananiif hin dhihaannee, yeroon qalbiin isaanii zikrii Rabbiitiifi dhugaa irraa waan bu’eef laaftu? Akka warra isaaniin dura kitaaba kennamanii tahuu dhabutti (hin dhihaannee?),kan yeroon isaanirratti dheerattee, qalbiileen isaanii goggogdee. baay’een isaan irraa tahe jallatoodha.

17
Odeeffannoo dabalataa
اعْلَمُوا أَنَّ اللَّهَ يُحْيِي الْأَرْضَ بَعْدَ مَوْتِهَا ۚ قَدْ بَيَّنَّا لَكُمُ الْآيَاتِ لَعَلَّكُمْ تَعْقِلُونَ
Beekaa! Rabbiin dachii erga isheen duutee booda jiraachisa. Dhugumatti, keeyyattoota (keenya) isiniif addeessinee jirra akka isin hubattaniif jecha.

18
Odeeffannoo dabalataa
إِنَّ الْمُصَّدِّقِينَ وَالْمُصَّدِّقَاتِ وَأَقْرَضُوا اللَّهَ قَرْضًا حَسَنًا يُضَاعَفُ لَهُمْ وَلَهُمْ أَجْرٌ كَرِيمٌ
Dhiiroliin sadaqaa kennatan, dubartoonni sadaqaa kennatte, kanneen liqaa gaarii Rabbiif liqeessan, (mindaan isaanii) dachaa isaaniif taasifamaa. galanni gaariin isaaniif tahe.

19
Odeeffannoo dabalataa
وَالَّذِينَ آمَنُوا بِاللَّهِ وَرُسُلِهِ أُولَـٰئِكَ هُمُ الصِّدِّيقُونَ ۖ وَالشُّهَدَاءُ عِندَ رَبِّهِمْ لَهُمْ أَجْرُهُمْ وَنُورُهُمْ ۖ وَالَّذِينَ كَفَرُوا وَكَذَّبُوا بِآيَاتِنَا أُولَـٰئِكَ أَصْحَابُ الْجَحِيمِ
Isaan Rabbiifi ergamoota Isaatti amanani, isaantu warra dhugaan amananiidha. Wareegamtoonni Gooftaa isaanii biratti mindaa isaanitiifi ibsaa isaaniitu isaaniif jira. Isaan kafaranii keeyyattoota keenya sobsiisan immoo isaan sun warra ibiddaati.

20
Odeeffannoo dabalataa
اعْلَمُوا أَنَّمَا الْحَيَاةُ الدُّنْيَا لَعِبٌ وَلَهْوٌ وَزِينَةٌ وَتَفَاخُرٌ بَيْنَكُمْ وَتَكَاثُرٌ فِي الْأَمْوَالِ وَالْأَوْلَادِ ۖ كَمَثَلِ غَيْثٍ أَعْجَبَ الْكُفَّارَ نَبَاتُهُ ثُمَّ يَهِيجُ فَتَرَاهُ مُصْفَرًّا ثُمَّ يَكُونُ حُطَامًا ۖ وَفِي الْآخِرَةِ عَذَابٌ شَدِيدٌ وَمَغْفِرَةٌ مِّنَ اللَّهِ وَرِضْوَانٌ ۚ وَمَا الْحَيَاةُ الدُّنْيَا إِلَّا مَتَاعُ الْغُرُورِ
(Beekaa) Jireenyi addunyaa tapha, gammachuu (yeroo gabaabaa), miidhagina, dhaaddannoo gidduu keessaniitiifi qabeenyaafi ilmaan baay’ifatuu qofa. Akka fakkeenya bokkaa, margi isaa qotee bulaa dinqisiisee, kan ergasii gogee daalachaa’aa ta’uu argitee, ergasii caccabaa ta’eeti. Aakhiratti adabbii cimaa, araaramaafi jaalala Rabbi irraa ta’etu jira. Jireenyi addunyaa meeshaa daguuti malee waan biraatii miti.

21
Odeeffannoo dabalataa
سَابِقُوا إِلَىٰ مَغْفِرَةٍ مِّن رَّبِّكُمْ وَجَنَّةٍ عَرْضُهَا كَعَرْضِ السَّمَاءِ وَالْأَرْضِ أُعِدَّتْ لِلَّذِينَ آمَنُوا بِاللَّهِ وَرُسُلِهِ ۚ ذَٰلِكَ فَضْلُ اللَّهِ يُؤْتِيهِ مَن يَشَاءُ ۚ وَاللَّهُ ذُو الْفَضْلِ الْعَظِيمِ
Wal dorgomaa Gara araarama Gooftaa keessan irraa ta’eefi jannata bal’inni ishee akka bal’ina samiifi dachii ta’eetti. Isaan Rabbiifi ergamtoota Isaatti amananiif qophoofte. Kun tola Rabbiiti. isa nikenna nama fedheef. Rabbiin abbaa tola guddaati.

22
Odeeffannoo dabalataa
مَا أَصَابَ مِن مُّصِيبَةٍ فِي الْأَرْضِ وَلَا فِي أَنفُسِكُمْ إِلَّا فِي كِتَابٍ مِّن قَبْلِ أَن نَّبْرَأَهَا ۚ إِنَّ ذَٰلِكَ عَلَى اللَّهِ يَسِيرٌ
Rakkoo irraa wanti dachiifi lubbuu keessan keessatti isin tuqe kamillee, odoo ishee hin uumin dura kitaaba keessatti (galmeessinu) malee hin hafu. kun Rabbi irratti laafaadha.

23
Odeeffannoo dabalataa
لِّكَيْلَا تَأْسَوْا عَلَىٰ مَا فَاتَكُمْ وَلَا تَفْرَحُوا بِمَا آتَاكُمْ ۗ وَاللَّهُ لَا يُحِبُّ كُلَّ مُخْتَالٍ فَخُورٍ
Akka waan isin jalaa dabre irratti hin yaaddofneefi, waan (Rabbiin) isiniif kennettis (garmalee) hin gammadneefi (kana godhe). Rabbiin nama boonaa, dhaaddataa hunda hin jaallatu.

24
Odeeffannoo dabalataa
الَّذِينَ يَبْخَلُونَ وَيَأْمُرُونَ النَّاسَ بِالْبُخْلِ ۗ وَمَن يَتَوَلَّ فَإِنَّ اللَّهَ هُوَ الْغَنِيُّ الْحَمِيدُ
Isaan warra doynoomanii, namallee doynummatti ajajaniidha. Namni (amantii irraa) garagale Rabbiin dureessa faarfamaadha.

25
Odeeffannoo dabalataa
لَقَدْ أَرْسَلْنَا رُسُلَنَا بِالْبَيِّنَاتِ وَأَنزَلْنَا مَعَهُمُ الْكِتَابَ وَالْمِيزَانَ لِيَقُومَ النَّاسُ بِالْقِسْطِ ۖ وَأَنزَلْنَا الْحَدِيدَ فِيهِ بَأْسٌ شَدِيدٌ وَمَنَافِعُ لِلنَّاسِ وَلِيَعْلَمَ اللَّهُ مَن يَنصُرُهُ وَرُسُلَهُ بِالْغَيْبِ ۚ إِنَّ اللَّهَ قَوِيٌّ عَزِيزٌ
Dhugumatti, ergamtoota keenya ragaawwan ifa ta’aniin erginee, kitaabaafi miizaana isaan waliin buufnee akka namoonni haqaan dhaabbataniif jecha. Sibiilas buufneerra kan isa keessa humna cimaafi namootaaf bu’aawwan jiru goonee. Rabbiin nama Isaafi ergamtoota Isaa fagootti (ghaybiitti) tumsanu mul’isuuf (kana godhe). Rabbiin jabaa, injifataadha.

26
Odeeffannoo dabalataa
وَلَقَدْ أَرْسَلْنَا نُوحًا وَإِبْرَاهِيمَ وَجَعَلْنَا فِي ذُرِّيَّتِهِمَا النُّبُوَّةَ وَالْكِتَابَ ۖ فَمِنْهُم مُّهْتَدٍ ۖ وَكَثِيرٌ مِّنْهُمْ فَاسِقُونَ
Dhugumatti, Nuuhiifi Ibraahiimiin erginee jirra. Sanyii isaan lamaanii keessatti nabiyyummaafi kitaaba goonee jirra. Isaan irraa namoota qajeelantu jira; baay’een isaan irraa ta’an immoo finciltoota.

27
Odeeffannoo dabalataa
ثُمَّ قَفَّيْنَا عَلَىٰ آثَارِهِم بِرُسُلِنَا وَقَفَّيْنَا بِعِيسَى ابْنِ مَرْيَمَ وَآتَيْنَاهُ الْإِنجِيلَ وَجَعَلْنَا فِي قُلُوبِ الَّذِينَ اتَّبَعُوهُ رَأْفَةً وَرَحْمَةً وَرَهْبَانِيَّةً ابْتَدَعُوهَا مَا كَتَبْنَاهَا عَلَيْهِمْ إِلَّا ابْتِغَاءَ رِضْوَانِ اللَّهِ فَمَا رَعَوْهَا حَقَّ رِعَايَتِهَا ۖ فَآتَيْنَا الَّذِينَ آمَنُوا مِنْهُمْ أَجْرَهُمْ ۖ وَكَثِيرٌ مِّنْهُمْ فَاسِقُونَ
Ergasii faana isaanii irra ergamtoota keenya hordofsiifne. Iisaa ilma Maryamis hordofsiifnee, Injiiliin isaaf kenninee jirra. Onneewwan warra isa (Iisaa) hordofanii keessattis namaaf rifatuufi gara laafummaa goone. Moloksummaa ishee ni eegalan. Jaalala Rabbii barbaaduuf (eegalan) malee Nuti isaan irratti hin barreessine. (Garuu) dhugaa eeggachuu ishee hin eegganne. Isaan irraa warra amananiif mindaa kennina. Baay’een isaanii immoo finciltoota.

28
Odeeffannoo dabalataa
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا اتَّقُوا اللَّهَ وَآمِنُوا بِرَسُولِهِ يُؤْتِكُمْ كِفْلَيْنِ مِن رَّحْمَتِهِ وَيَجْعَل لَّكُمْ نُورًا تَمْشُونَ بِهِ وَيَغْفِرْ لَكُمْ ۚ وَاللَّهُ غَفُورٌ رَّحِيمٌ
Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa. Ergamaa Isaatti (Muhammadittis SAW) amanaa! (Rabbiin) rahmata Isaa irraa dachaa lama isiniif kenna; ifaa ittiin deemtanis isiniif taasisa; isiniifis ni araarama. Rabbiin araaramaa, mararfataadha.

29
Odeeffannoo dabalataa
لِّئَلَّا يَعْلَمَ أَهْلُ الْكِتَابِ أَلَّا يَقْدِرُونَ عَلَىٰ شَيْءٍ مِّن فَضْلِ اللَّهِ ۙ وَأَنَّ الْفَضْلَ بِيَدِ اللَّهِ يُؤْتِيهِ مَن يَشَاءُ ۚ وَاللَّهُ ذُو الْفَضْلِ الْعَظِيمِ
Akka beekaniifi Abbootiin kitaabaa (Yahuudonniifi Kiristaanonni) qananii Rabbii irratti homaa akka hin dandeenye, qananiin harka Rabbii akka jiruufi Inni nama fedheef akka kennu (haa beekanuuf kana ibse). Rabbiin abbaa tola guddaati.