Quran.et Logo
orom

surah058

Al-Mujaadalaa Suuraa Wal-mormituu
Qari'ii (Dubbisaa)
Mala dubbisaa
1
بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَـٰنِ الرَّحِيمِ

قَدْ سَمِعَ اللَّهُ قَوْلَ الَّتِي تُجَادِلُكَ فِي زَوْجِهَا وَتَشْتَكِي إِلَى اللَّهِ وَاللَّهُ يَسْمَعُ تَحَاوُرَكُمَا ۚ إِنَّ اللَّهَ سَمِيعٌ بَصِيرٌ

Dhugumatti Rabbiin dhaga'eera jecha ishee siin falmituu waa'ee abbaa manaa ishee keessatti, tan gara Rabbiitti himannaa dhiyeeffattuu (dhagayeera). Rabbiin falmii keessan lamaan ni dhaga'a. Rabbiin dhagayaa, argaadha.[1]

2

الَّذِينَ يُظَاهِرُونَ مِنكُم مِّن نِّسَائِهِم مَّا هُنَّ أُمَّهَاتِهِمْ ۖ إِنْ أُمَّهَاتُهُمْ إِلَّا اللَّائِي وَلَدْنَهُمْ ۚ وَإِنَّهُمْ لَيَقُولُونَ مُنكَرًا مِّنَ الْقَوْلِ وَزُورًا ۚ وَإِنَّ اللَّهَ لَعَفُوٌّ غَفُورٌ

Isaan isin keessaa dubartoota (haadhotii manaa) isaanii irraa ‘Zihaara’ godhan (‘ati anaaf akka dugda haadha kiyyaati’ jechuun kakatan), isaan (haadhotiin manaa) haadholii isaanii miti. Haadholiin isaanii hintaane isaanuma isaan da'an san malee. dhugumatti Isaan jecha fokkataafi soba dubbatu. Rabbiinis dhiifama godhaa araaramaadha.

3

وَالَّذِينَ يُظَاهِرُونَ مِن نِّسَائِهِمْ ثُمَّ يَعُودُونَ لِمَا قَالُوا فَتَحْرِيرُ رَقَبَةٍ مِّن قَبْلِ أَن يَتَمَاسَّا ۚ ذَٰلِكُمْ تُوعَظُونَ بِهِ ۚ وَاللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ خَبِيرٌ

Isaan dubartoota isaanii irraa "Zihaara" godhanii ergasii waan jedhanitti deebi'an, odoo wal hin tuqin dura morma (gabraa) bilisa baasuutu isaan irra jira. Kana akka isin ittiin gorfamtaniif (Rabbiin jaje). Rabbiin waan isin hojjattan keessa beekaadha.

4

فَمَن لَّمْ يَجِدْ فَصِيَامُ شَهْرَيْنِ مُتَتَابِعَيْنِ مِن قَبْلِ أَن يَتَمَاسَّا ۖ فَمَن لَّمْ يَسْتَطِعْ فَإِطْعَامُ سِتِّينَ مِسْكِينًا ۚ ذَٰلِكَ لِتُؤْمِنُوا بِاللَّهِ وَرَسُولِهِ ۚ وَتِلْكَ حُدُودُ اللَّهِ ۗ وَلِلْكَافِرِينَ عَذَابٌ أَلِيمٌ

Namni hin argatin, odoo wal hin tuqin dura ji'oota walitti aanan lama soomuutu isaan irra jira. Namni (kana) hin danda'in, miskiinoota (hiyyeeyyii) jaahaatama nyaachisuu qaba. Kun akka Rabbiifi ergamaa Isaatti amantaniifi. isheen tun daangaalee Rabbiiti. Kaafirootaf adabbii laaleessaa ta'etu jira.

5

إِنَّ الَّذِينَ يُحَادُّونَ اللَّهَ وَرَسُولَهُ كُبِتُوا كَمَا كُبِتَ الَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ ۚ وَقَدْ أَنزَلْنَا آيَاتٍ بَيِّنَاتٍ ۚ وَلِلْكَافِرِينَ عَذَابٌ مُّهِينٌ

warren Rabbiifi ergamaa Isaa faallessan akkuma warri isaaniin duraa salphatan salphataniiru, Nuti dhugumaan ragaalee ifaa buufnee jirra. Kaafirootaaf adabbii xiqqeessaatu jira.

6

يَوْمَ يَبْعَثُهُمُ اللَّهُ جَمِيعًا فَيُنَبِّئُهُم بِمَا عَمِلُوا ۚ أَحْصَاهُ اللَّهُ وَنَسُوهُ ۚ وَاللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ شَهِيدٌ

Guyyaa Rabbiin hunda isaanii kaasee waan isaan hojjatan isaanitti himu [yaadadhu]. Rabbiin beekee galmeessera isaan isa dagatan. Rabbiin waan hunda irratti ragaadha.

7

أَلَمْ تَرَ أَنَّ اللَّهَ يَعْلَمُ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ ۖ مَا يَكُونُ مِن نَّجْوَىٰ ثَلَاثَةٍ إِلَّا هُوَ رَابِعُهُمْ وَلَا خَمْسَةٍ إِلَّا هُوَ سَادِسُهُمْ وَلَا أَدْنَىٰ مِن ذَٰلِكَ وَلَا أَكْثَرَ إِلَّا هُوَ مَعَهُمْ أَيْنَ مَا كَانُوا ۖ ثُمَّ يُنَبِّئُهُم بِمَا عَمِلُوا يَوْمَ الْقِيَامَةِ ۚ إِنَّ اللَّهَ بِكُلِّ شَيْءٍ عَلِيمٌ

Sila Rabbiin waan samiilee keessa jiruufi waan dachii keessa jiru kan beeku ta'uu hin argituu? Maqoon (iccitiin) gidduu namoota sadiitti tahee Inni afraffaa isaanii ta'u malee hin hafu, giddu namoota shaniitti tahee Inni jahaffaa isaanii ta'u malee hinhafu, (giddu namoota) sanaa gadiis ta'ee kan sanarra hedduu iddoma isaan ta’anitti isaan waliin ta’u malee hinhafu. Ergasii, Guyyaa Qiyaamaa waan isaan dalagan (hunda) isaanitti odeessa. Rabbiin waan hunda irratti beekaadha.

8

أَلَمْ تَرَ إِلَى الَّذِينَ نُهُوا عَنِ النَّجْوَىٰ ثُمَّ يَعُودُونَ لِمَا نُهُوا عَنْهُ وَيَتَنَاجَوْنَ بِالْإِثْمِ وَالْعُدْوَانِ وَمَعْصِيَتِ الرَّسُولِ وَإِذَا جَاءُوكَ حَيَّوْكَ بِمَا لَمْ يُحَيِّكَ بِهِ اللَّهُ وَيَقُولُونَ فِي أَنفُسِهِمْ لَوْلَا يُعَذِّبُنَا اللَّهُ بِمَا نَقُولُ ۚ حَسْبُهُمْ جَهَنَّمُ يَصْلَوْنَهَا ۖ فَبِئْسَ الْمَصِيرُ

Sila ati hin laallee gara warra maqoo (badaa) irraa dhorgamanii, ergasii gara waan irraa dhorgamaniitti deebi'anii, kan maqatanii (dhooysaan maruyatanii) badii, miidhaafi ergamicha faallessuu irratti (hin ilaallee?) Yeroo sitti dhufanis waan Rabbiin ittiin nagaa si hin gaafatiniin nagaa si gaafatu. Lubbuulee isaanii keessatti (Gidduu isaaniitti) (dhuguma Muhammad yoo nabiyyii ta’eef) Rabbiin maaliif waan nuti jennuun nu hin adabne? " jedhu. Jahannam isaaniif geessuudha; ishee seenu. Deebichi (isaanii) waa fokkate!

9

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِذَا تَنَاجَيْتُمْ فَلَا تَتَنَاجَوْا بِالْإِثْمِ وَالْعُدْوَانِ وَمَعْصِيَتِ الرَّسُولِ وَتَنَاجَوْا بِالْبِرِّ وَالتَّقْوَىٰ ۖ وَاتَّقُوا اللَّهَ الَّذِي إِلَيْهِ تُحْشَرُونَ

Yaa warra (Rabbitti) amantan! Yeroo iccitii dubbattan badii, miidhaafi faallaa ajaja ergamaa Rabbii irratti hin mari'atinaa. toltuufi sodaa Rabbii irratti mari'adhaa. Rabbii gara Isaatti oofamtan sodaadhaa.

10

إِنَّمَا النَّجْوَىٰ مِنَ الشَّيْطَانِ لِيَحْزُنَ الَّذِينَ آمَنُوا وَلَيْسَ بِضَارِّهِمْ شَيْئًا إِلَّا بِإِذْنِ اللَّهِ ۚ وَعَلَى اللَّهِ فَلْيَتَوَكَّلِ الْمُؤْمِنُونَ

Iccitiin (badaan) sheyxaana qofa irraayi. (Sheyxaanni) warra amanan ittiin gaddisiisuf (kana hojjata). Waan tokkollee isaan miidhaa hintaane hayyama Rabbiitiin malee. Mu’uminoonnis Rabbiin qofa irratti haa hirkatan.

11

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِذَا قِيلَ لَكُمْ تَفَسَّحُوا فِي الْمَجَالِسِ فَافْسَحُوا يَفْسَحِ اللَّهُ لَكُمْ ۖ وَإِذَا قِيلَ انشُزُوا فَانشُزُوا يَرْفَعِ اللَّهُ الَّذِينَ آمَنُوا مِنكُمْ وَالَّذِينَ أُوتُوا الْعِلْمَ دَرَجَاتٍ ۚ وَاللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ خَبِيرٌ

Yaa warra (Rabbitti) amantan! Yeroo teessumaalee keessa waliif babal'isaa isiniin jedhame waliif babal'isaa; Rabbiin isiniif bal'isaa. Yeroo ka'aa jedhames ka'aa. Rabbiin isin irraa warra amananiifi isaan beekumsi kennameef sadarkaalee isaan ol kaasa. Rabbiin waan isin hojjattan keessa Beekaadha.

12

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِذَا نَاجَيْتُمُ الرَّسُولَ فَقَدِّمُوا بَيْنَ يَدَيْ نَجْوَاكُمْ صَدَقَةً ۚ ذَٰلِكَ خَيْرٌ لَّكُمْ وَأَطْهَرُ ۚ فَإِن لَّمْ تَجِدُوا فَإِنَّ اللَّهَ غَفُورٌ رَّحِيمٌ

Yaa warra (Rabbitti) amantan! Yeroo ergamaa (Rabbii) wajjiin maqoo gochuu feetan, maqoo keessan dura sadaqaa dursaa (kennaa). Kun isiniif irra caalaafi (dilii keessaniifis) irra qulquleessaadha. Yoo (waan sadaqaa kennitan) hin argatin immoo Rabbiin Araaramaa Rahmata Godhaadha.

13

أَأَشْفَقْتُمْ أَن تُقَدِّمُوا بَيْنَ يَدَيْ نَجْوَاكُمْ صَدَقَاتٍ ۚ فَإِذْ لَمْ تَفْعَلُوا وَتَابَ اللَّهُ عَلَيْكُمْ فَأَقِيمُوا الصَّلَاةَ وَآتُوا الزَّكَاةَ وَأَطِيعُوا اللَّهَ وَرَسُولَهُ ۚ وَاللَّهُ خَبِيرٌ بِمَا تَعْمَلُونَ

Sila maqoo keessan (kan Nabiyyii SAW wajjiin gootan) dura sadaqaalee dursuu sodaattanii? Yoo raawwachuu baattanis Rabbiin dhiifama isiniif godheera. Salaata dhaabaa; zakaas kennaa; Rabbiifi ergamaa Isaatiif ajajamaa. Rabbiin waan isin hojjattan keessa beekaadha.

14

أَلَمْ تَرَ إِلَى الَّذِينَ تَوَلَّوْا قَوْمًا غَضِبَ اللَّهُ عَلَيْهِم مَّا هُم مِّنكُمْ وَلَا مِنْهُمْ وَيَحْلِفُونَ عَلَى الْكَذِبِ وَهُمْ يَعْلَمُونَ

Sila gara Isaan namoota Rabbiin itti dallane (Yahuudota) jaalallee godhatanii hin agarree? Isaan isin irraayis miti; isaan irraayis miti; kijiba irratti kakatu odoo beekanuu.

15

أَعَدَّ اللَّهُ لَهُمْ عَذَابًا شَدِيدًا ۖ إِنَّهُمْ سَاءَ مَا كَانُوا يَعْمَلُونَ

Rabbiin adabbii cimaa isaanif qopheessee jira. Isaan wanti isaan hojjachaa turan waa fokkate!

16

اتَّخَذُوا أَيْمَانَهُمْ جُنَّةً فَصَدُّوا عَن سَبِيلِ اللَّهِ فَلَهُمْ عَذَابٌ مُّهِينٌ

Kakuulee isaanii gaachena taasifatan. karaa Rabbii irraa (namoota) deebisan. Isaaniif adabbii xiqqeessaatu jira.

17

لَّن تُغْنِيَ عَنْهُمْ أَمْوَالُهُمْ وَلَا أَوْلَادُهُم مِّنَ اللَّهِ شَيْئًا ۚ أُولَـٰئِكَ أَصْحَابُ النَّارِ ۖ هُمْ فِيهَا خَالِدُونَ

Qabeenyaaleen isaaniifi ijoolleen isaaniis (adabbii) Rabbii irraa wama tokko isaan hin duroomsanu. Isaan sun warra Ibiddaati; isaan ishee keessatti hafoodha.

18

يَوْمَ يَبْعَثُهُمُ اللَّهُ جَمِيعًا فَيَحْلِفُونَ لَهُ كَمَا يَحْلِفُونَ لَكُمْ ۖ وَيَحْسَبُونَ أَنَّهُمْ عَلَىٰ شَيْءٍ ۚ أَلَا إِنَّهُمْ هُمُ الْكَاذِبُونَ

Guyyaa Rabbiin hunda isaanii (murtiif) kaasu sana akkuma isiniif kakatan Isaafis (Rabbiifis) kakatu. Waan (haqa) wahii irra jiran of se'u. Dhagayaa! isaan isaanumatu sobdoota.

19

اسْتَحْوَذَ عَلَيْهِمُ الشَّيْطَانُ فَأَنسَاهُمْ ذِكْرَ اللَّهِ ۚ أُولَـٰئِكَ حِزْبُ الشَّيْطَانِ ۚ أَلَا إِنَّ حِزْبَ الشَّيْطَانِ هُمُ الْخَاسِرُونَ

Sheyxaanni isaan irratti moo'ee faaruu Rabbii isaan dagachiisee. raIsaan garee sheyxaanati. Dhaga'aa! Gareen sheyxaanaa isaanumatu hoonga’oodha.

20

إِنَّ الَّذِينَ يُحَادُّونَ اللَّهَ وَرَسُولَهُ أُولَـٰئِكَ فِي الْأَذَلِّينَ

Isaan Rabbiifi ergamaa isaa faallessan, isaan sun warra gadi aanoo keessa ta’u.

21

كَتَبَ اللَّهُ لَأَغْلِبَنَّ أَنَا وَرُسُلِي ۚ إِنَّ اللَّهَ قَوِيٌّ عَزِيزٌ

Rabbiin Barreesse "dhugumatti, Anaafi Ergamtoonni Kiyya ni mo'anna" (jechuun). Rabbiin Jabaa, Injifataadha.

22

لَّا تَجِدُ قَوْمًا يُؤْمِنُونَ بِاللَّهِ وَالْيَوْمِ الْآخِرِ يُوَادُّونَ مَنْ حَادَّ اللَّهَ وَرَسُولَهُ وَلَوْ كَانُوا آبَاءَهُمْ أَوْ أَبْنَاءَهُمْ أَوْ إِخْوَانَهُمْ أَوْ عَشِيرَتَهُمْ ۚ أُولَـٰئِكَ كَتَبَ فِي قُلُوبِهِمُ الْإِيمَانَ وَأَيَّدَهُم بِرُوحٍ مِّنْهُ ۖ وَيُدْخِلُهُمْ جَنَّاتٍ تَجْرِي مِن تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ خَالِدِينَ فِيهَا ۚ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُمْ وَرَضُوا عَنْهُ ۚ أُولَـٰئِكَ حِزْبُ اللَّهِ ۚ أَلَا إِنَّ حِزْبَ اللَّهِ هُمُ الْمُفْلِحُونَ

Hin argitu Ummata Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amanan, namoota Rabbiifi ergamaa Isaa morman kan jaallatanu hin argitu. odoma abbootii isaanii tahanillee, yookiin ilmaan isaanii, yookiin obboleeyyan isaanii, yookiin firoota isaanii (ta'anillee). Isaan sana (Rabbiin) onneelee isaanii keessatti iimaana barreessee jira. qilleensa (tumsa) Isa irraa ta'eenis isaan jabeesseera. Jannatoota laggeen ishee jala yaatu isaan seensisa achi keessaatti hafoo haala ta'aniin. Rabbiin isaan irraa jaallateera; isaanis Isa irraa jaalataniiru. Isaan tuuta Rabbiiti. Dhagayaa! cifraan (gareen) Rabbii isaantu milkaawoodha.