Quran.et Logo
orom

surah077

Al-Mursalaat Suuraa Ergamtootaa
Qari'ii (Dubbisaa)
Mala dubbisaa
1
بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَـٰنِ الرَّحِيمِ

وَالْمُرْسَلَاتِ عُرْفًا

(Maleykota) wal hordoftuu ta'anii ergamaniinin kakadha.

2

فَالْعَاصِفَاتِ عَصْفًا

(Bubbeewwan) humnaan bubbisuu bubbisaniinis;

3

وَالنَّاشِرَاتِ نَشْرًا

(Bubbeewwan rooba) faffacaasuu facaasaniinis;

4

فَالْفَارِقَاتِ فَرْقًا

(Keeyyatoota haqaafi dhara) adda baasuu adda baasanittis;

5

فَالْمُلْقِيَاتِ ذِكْرًا

(Malaykota) ergaa buuftotattis;

6

عُذْرًا أَوْ نُذْرًا

Sababaa dhabamsiisuuf yookiin akeekkachiisuuf jecha (kan buusanittin kakadha).

7

إِنَّمَا تُوعَدُونَ لَوَاقِعٌ

Wanti (Qiyaamaan) isin sodaachifamtan argamaadha.

8

فَإِذَا النُّجُومُ طُمِسَتْ

Yeroo urjiiwwan (ifti ishee irraa) haqamte,

9

وَإِذَا السَّمَاءُ فُرِجَتْ

Yeroo samiileenis babbanamte;

10

وَإِذَا الْجِبَالُ نُسِفَتْ

Yeroo gaarreenis (bakka irraa) bubuqqifamte,

11

وَإِذَا الرُّسُلُ أُقِّتَتْ

Yeroo Ergamoonnis beellamaan walitii qabamte;

12

لِأَيِّ يَوْمٍ أُجِّلَتْ

Guyyaa kamiif beellamaman?

13

لِيَوْمِ الْفَصْلِ

Guyyaa addaan bahiinsaatiif (beellamaman).

14

وَمَا أَدْرَاكَ مَا يَوْمُ الْفَصْلِ

Guyyaan Addaan bahiinsaa maal akka ta'e maaltu si beeksise?

15

وَيْلٌ يَوْمَئِذٍ لِّلْمُكَذِّبِينَ

Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.

16

أَلَمْ نُهْلِكِ الْأَوَّلِينَ

Sila Nuti warra duraanii hin balleessinee?

17

ثُمَّ نُتْبِعُهُمُ الْآخِرِينَ

Ergasiis warra boodaa isaan hordofsiifna.

18

كَذَٰلِكَ نَفْعَلُ بِالْمُجْرِمِينَ

Yakkamtootas akkanuma goona.

19

وَيْلٌ يَوْمَئِذٍ لِّلْمُكَذِّبِينَ

Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.

20

أَلَمْ نَخْلُقكُّم مِّن مَّاءٍ مَّهِينٍ

Sila Nuti bishaan dadhabaa (maniyyii) irraa isin hin uumnee?

21

فَجَعَلْنَاهُ فِي قَرَارٍ مَّكِينٍ

Bakka mijaa'aa keessas isa goone.

22

إِلَىٰ قَدَرٍ مَّعْلُومٍ

Hanga yeroo beekamaatti.

23

فَقَدَرْنَا فَنِعْمَ الْقَادِرُونَ

Ni shallagnes; nuti shallagdoota akkaan tole.

24

وَيْلٌ يَوْمَئِذٍ لِّلْمُكَذِّبِينَ

Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.

25

أَلَمْ نَجْعَلِ الْأَرْضَ كِفَاتًا

Sila Nuti dachii kan hunda walitti qabdu hin taasifnee?

26

أَحْيَاءً وَأَمْوَاتًا

Jiraafi du'aas (walitti qabdi)?

27

وَجَعَلْنَا فِيهَا رَوَاسِيَ شَامِخَاتٍ وَأَسْقَيْنَاكُم مَّاءً فُرَاتًا

Gaarreen ragga'oo dhedheeraa ishee keessatti goone. Bishaan mi'aawaas isin obaafne.

28

وَيْلٌ يَوْمَئِذٍ لِّلْمُكَذِّبِينَ

Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.

29

انطَلِقُوا إِلَىٰ مَا كُنتُم بِهِ تُكَذِّبُونَ

(Isaaniin ni jedhama): "gara waan sobsiisaa turtanii deemaa.

30

انطَلِقُوا إِلَىٰ ظِلٍّ ذِي ثَلَاثِ شُعَبٍ

Gara gaaddisa abbaa damee sadihii deemaa."

31

لَّا ظَلِيلٍ وَلَا يُغْنِي مِنَ اللَّهَبِ

Gaaddiseessaa miti; boba'aa ibiddaa irraas hin duroomsu.

32

إِنَّهَا تَرْمِي بِشَرَرٍ كَالْقَصْرِ

Isheen qaanqeewwan akka gamoo darbatti.

33

كَأَنَّهُ جِمَالَتٌ صُفْرٌ

Inni (qaanqechi) gaalota bobboora fakkaata.

34

وَيْلٌ يَوْمَئِذٍ لِّلْمُكَذِّبِينَ

Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.

35

هَـٰذَا يَوْمُ لَا يَنطِقُونَ

Kun Guyyaa isaan hin dubbanneedha.

36

وَلَا يُؤْذَنُ لَهُمْ فَيَعْتَذِرُونَ

Rakkoo haa himataniif isaaniif hin eeyyamamu.

37

وَيْلٌ يَوْمَئِذٍ لِّلْمُكَذِّبِينَ

Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.

38

هَـٰذَا يَوْمُ الْفَصْلِ ۖ جَمَعْنَاكُمْ وَالْأَوَّلِينَ

Kun guyyaa adda foo'amiinsaati; Isiniifi warra duraas walitti qabne.

39

فَإِن كَانَ لَكُمْ كَيْدٌ فَكِيدُونِ

Yoo tooftaa wahii qabaattan tooftaa Natti baafadhaa.

40

وَيْلٌ يَوْمَئِذٍ لِّلْمُكَذِّبِينَ

Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.

41

إِنَّ الْمُتَّقِينَ فِي ظِلَالٍ وَعُيُونٍ

Dhugumatti, warri Rabbiin sodaatan gaaddisootaafi burqituuwwan keessa jiraatu.

42

وَفَوَاكِهَ مِمَّا يَشْتَهُونَ

Asheeta irraa waan fedhan (keessa taa'u).

43

كُلُوا وَاشْرَبُوا هَنِيئًا بِمَا كُنتُمْ تَعْمَلُونَ

"Sababaa waan dalagaa turtaniitiif gammachuun nyaadhaa; dhugaa" (jedhamu).

44

إِنَّا كَذَٰلِكَ نَجْزِي الْمُحْسِنِينَ

Nuti akka kanatti warra toltuu hojjatan mindeessina.

45

وَيْلٌ يَوْمَئِذٍ لِّلْمُكَذِّبِينَ

Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.

46

كُلُوا وَتَمَتَّعُوا قَلِيلًا إِنَّكُم مُّجْرِمُونَ

(Addunyaa irratti) "nyaadhaa; xiqqoo qanani'aa; dhugumatti isin badii hojjattoota” (isaaniin jedhama).

47

وَيْلٌ يَوْمَئِذٍ لِّلْمُكَذِّبِينَ

Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.

48

وَإِذَا قِيلَ لَهُمُ ارْكَعُوا لَا يَرْكَعُونَ

Yeroo ‘salaataa’ isaaniin jedhames hin salaatanu.

49

وَيْلٌ يَوْمَئِذٍ لِّلْمُكَذِّبِينَ

Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.

50

فَبِأَيِّ حَدِيثٍ بَعْدَهُ يُؤْمِنُونَ

Isaan ala haasawa kamitti amanu ree?